“Oromoofi Somaaleen sheexana gidduu tureenwalshakke malee wal hinlolle”- Dhalattoota saba Somaalee Jigjigaa jiraatan

Jigjigaa: “Gaafa sanyii lakkaa’uutti kaane Somaal¬ee yoo naan jedhan malee daa’imummaakoo irraa kaasee kanin taphachaa guddadhe ijaal¬lee Oromoo wajjini.”

“Gaafa ijoollummaa sanii garuu anis Somaalee ta’uu ki¬yya hinbeeku, jarris Oromoo ta’uusaanii waan beekan natti hinfakkaatu. Akka maatiifi fira dhiigaatti wal ilaalla turre”.

“Yeroo ijoollummaa san ijoollee qe’ee biraa wajjin gamtaan yemmuu wal lollus garee gama lachuu keessa Oro¬moonis ta’ee Somaaleen jira. Kanaaf gaafa ijoollummaa sana

walqoodnee kan wal lollu sabaan osoo hintaane araddaan ture”.

“Walitti dhiheenyaan ijool­lummaa koorraa eegalee Oro­moo wajjin qaburraa kan ka’e gaafan guddadhee fuudha ga­hes Oromoo fuudhee maatiis irraa horadheen jira”.

“Gaafa sababa siyaasaatiin saboota lameen seenaasaanii keessatti lola hamaa keessa galanii hinbeekne kanneen walitti buusan immoo garan itti goru dhabee rakkadhe”.

“Dhugaan namni kamuu beekuu qabu garuu Oromoofi Somaalee sheexana gidduu seenetu walshakkisiise malee sabootni kunniin wal hin­lolle wallolaniis hinbeekan.” kan jedhan miseensi Humna Poolisii Adda naannoo So­maalee, Dhibbaalaa Abdurah­maan Sa’idi.

Shira bu’aa siyaasaatiif sa­boota obbolaa lameen giddu­utti xaxameen kan miidhame garuu ummata qulqulluu, homaa hinbeekne ta’uun mu­daa hamaa uumee darbuusaas ni ibsu.

Warri gidduu dhokatee wal nyaachisaa turan sun har’a abdii kutatanii gara dhufanitti deebi’uusaaniitiin hariiroon saboota lameenii iddoo turetti deebi’aa jiraachuu dubbatu.

Dhalattoonni Oromoo Jigjigaa keessaa qabeen­yasaanii dhiisanii baqatanii turan hedduun ammaan tana deebi’aa jiraachuu kan ibse immoo Dargaggoo Kaalid Xahaati. Ummanni Somaalee Naannoo Oromiyaa keessaa buqqa’es akkasumatti iddoo dura turetti akka deebi’uuf haalli mijataan uumamuu akka qabu gaafata.

Warra daldala siyaasaatiif ummattoota lameen walitti buusaa turan gama lachuunuu ittigaafatamoo taasisuufi ob­bolummaa ummattootaa deeb­isanii cimsuunis hojii xiyyeef­fannoo hooggansa naannolee lamaannii ta’uu akka qabus ni dubbata.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

4 Comments to ““Oromoofi Somaaleen sheexana gidduu tureenwalshakke malee wal hinlolle”- Dhalattoota saba Somaalee Jigjigaa jiraatan”

  1. Pingback: BIG Gaming

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *