Naqamtee: Wallaggi burqaa hayyootaafi qabsaa’otaa kanneen akka Hayilee Fidaa, Abdiisaa Aagaa, Baaroo Tumsaa, Alamaayyoo Atoomsaa, Lammaa Magarsaafi kanneen birooti.
Ta’us, sirnoota darbanirraa kaasee hanga yeroo dhiyootti sababa dhiibbaa siyaasaatiin misooma hawaasummaafi dinagdee biyyattiirraa fayyadamummaansaa mirkanaa’aa hinturre.
Fedhiifi gaaffii baroota dheeraa godinaalee Wallaggaa afran deebisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffatee hojjechaa tureera; har’as ittuma jira.
Gaaffii ummataa keessaa tokko kan ta’e ijaarsi pirojektii Istaatiyoomii Wallaggaas waggoota kudhan dura tattaaffii namoota dhuunfaatiin yaa jalqabu malee deggarsa mootummaatiin
ijaaramee kaleessa eebbiffameera.
Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad, Pirezidaantiin BMNO Obbo Lammaa Magarsaafi keessummootni hedduun sirna eebba istaadiyoomichaarratti argamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee, Obbo Boggaalee Shuumaa sirnicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, pirojektiin ijaarsa istaadiyoomii Wallaggaa waggoota kudhan dura kaka’umsa
namoota dhuunfaatiin eegalame.
Adeemsa keessa garuu deggarsi abbootii qabeenyaafi mootummaa naannichaa dabalamuudhaan istaadiyoomichi
qulqullinaan ijaaramee akka xumuramu taasiseera.
Bajatni waliigaa ijaarsa istaadiyoomichaatiif qabame qarshii miliyoona 266 ta’uus ibsanii, qarshii miliyoona 196n ijaaramee xumurameera. Kan hafe maallaqa ummataa waan ta’eef istaadiyoomichaaf kan oolu ta’uus eeraniiru.
Bu’aan ijaarsa pirojektii istaadiyoomichaa miira “Ni dandeenya” jedhu sammuu ummata Oromoo keessatti kan uumeedha jedhanii, fuuldurattis tokkummaadhaan hojjennaan Oromiyaarra darbinee Itoophiyaanota maraaf humna ta’uun akka danda’amu ibsaniiru.
Pirezidaantiin BMNO Obbo Lammaa Magarsaas haasawa kan taasisan, istaadiyoomiin hunda galeessaafi ammaayyaawaan kun Magaalaa Naqamtee keessatti ijaaramuunsaa seenaa guddaadha jedhan.
Istaadiyoomichi iddoo oolmaa dargaggootaa ta’uurra darbee atileetotniifi taphattootni hedduu Magaalaa Naqamteefi naannawashee jireenyasaanii akka fooyyefataniif gahee olaanaa qaba jedhan. Hawaasni naannawaas carraa kanatti fayyadamee istaadiyoomicha kunuunsuun dinagdeesaa cimsachuu akka qabu hubachiisaniru.
Tokkummaan ummata Oromoo kaleessa argame cimaa waan dhufeef bu’aalee hedduu argamsiisuu himanii, boris Oromoon waliin dhaabannaan gaara hinjigsine hinqabu jedhaniiru. Hireen Oromiyaa harka Oromootaarra jirti jedhanii, hundarra qe’ee nagaafi tasgabbii, akkasumas ulfina qabdu gochuun tumsa hundaa akka barbaadu dubbataniiru.Lammata garuu naannoo Oromiyaan keessatti dhiigni lammiilee akka hindhangalaaneef kutannoon hundaa murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmadis gamasaaniin akka jedhanitti, qabsoo hadhaawaa ummatni Oromoon baroota dheeraaf taasiseen bilisummaafi injifannoon har’aa argamuu danda’eera; hoggantootni Oromoos Oromiyaarra darbanii biyyattii akka gaggeessan taasiseera. Hoggantootni har’a Itoophiyaa gaggeessaa jiran ammoo yeroo kamuu caalaa tokkummaa biyyattii cimsuuf kutannoodhaan hojjechaa jiru.
Ciminaafi kutannoo kunimmoo abbootii keenya darban kanneen akka Abdiisaa Aagaa, Hayilee Fidaafi Baaroo Tumsaafaarraa dhaaluu keenya kan agarsiisu malee kan har’a uummanne mitii jedhan.
Tokkummaan ummata Oromoo tokkummaa Itoopiyaaf bu’uura kan jedhan Doktar Abiyyi, waliif abboomamnee ykn waldhageenyee hojjennaan fedhiifi gaaffiilee hawaasa bal’aa deebisuun kan danda’amu ta’uus hubachiisaniiru.
Keessumaa ammoo Wallagga misoomsuun godinaalee kaaniifi naannolee Beenishaangul Gumuziifi Amaaraaf murteessaa waan ta’eef ciminaan hojjechuuf kutannoon mootummaa guddaadha jedhan.
“Tokkummaan milkiidha, humnaa; miidhaginadhas. Akkuma kaleessa rasaasa malee qabsoofnee jijjiirama siyaasaa argamsiisne, fulduratti ammoo misoomaafi guddina dinagdeedhaan dabaluuf martuu qoodasaa bahachuu qaba” jedhan.
Bariisaa Ebla 4 /2011
Takkaalliny Gabayyootiin
6 Comments to “Oromiyaa qe’ee nagaafi ulfina qabdu gochuuf tumsa hundaa gaafata”