Odeeffannoon qabiyyee lafaafi abbaa lafaa walitti fidu qindaa’a jiraachuu himame

Finfinnee: Odeeffannoon qabiyyee lafaafi abbaa lafaa walitti fidu sadarkaa biyyaatti qindaa’aa jiraachuu Ministeer­ri Innoveeshiniifi Teknolojii beeksise.

Daarektarri Inistiyuutii Odeeffannoo Lafaa (‘Geospe­cial Information’) ministeer­ichaa, Doktar Tulluu Bashaa tibbana Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qabeenyi lafaa waan murtaa’aa ta’eef, faay­idaawwan adda addaaf oola jira.

Tokko tokkoon cittuu lafaa karaa ammaayyaawaan mis­ooma qonnaafi investimantiif akka ooluuf dursa odeeffan­noon qabiyyee lafaa suuraafi kaartaadhaan qindaa’uu qaba.

Waggoota shanan darban keessa odeeffannoo qabiyyee lafaafi abbaa lafaa walitti fidu­uf sochiin bal’aan taasifameera kan jedhan Doktar Tulluun, ka­naanis guutummaa magaalaafi baadiyyaa naannolee Tigraayi, Amaaraafi Beenishaangul Gu­muzitti qabiyyeewwan lafaa xiyyaaraan kaafaman qindeef­famuu ibsu.

Naannolee Oromiyaafi Um­mattoota Kibbaatti ammo dhib­bantaan 50 kan hojjetame yoo ta’u, Affaariifi Somaaleettis jalqabbiirra jira jedhan. Hojiin qabiyyeewwan lafaa qindees­suu kun akka biyyaalessaatti dhibbantaa 43rra gahuusaas

 himaniiru.

Odeeffannoon kadaasta­raalii lafaas (tajaajila tokkoon tokkoon qabiyyeen lafaa ken­naa jiru) naannolee hundatti hektaaraafi kaareemeetiraan qindaa’aa jiraachuu ibsanii, ku­nis qoqqoodinsi qabeenya lafaa haqummaa akka qabaatuuf kan gargaaruudha jedhan.

Walii galaan bal’ina lafa biyyattiin qabdu hektaara mili­yoona 122.2 keessaa hektaarri miliyoonni 12.1 bishaaniin kan haguugame yoo ta’u, hektaarri miliyoonni 84.1 ammoo om­ishaafi omishtummaaf, akka­sumas misooma investimantiif oolaa kan jiru ta’uu dubbata­niiru.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to “Odeeffannoon qabiyyee lafaafi abbaa lafaa walitti fidu qindaa’a jiraachuu himame”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *