Kan buqqa’e iddootti deebisaa, kan shira xaxeseeratti dhiyeessaa jirra”

Walitti bu’insa Oromoofi Beenishaangul Gumuz gid­duutti mudateen buqqaatota bakkatti deebisuufi harcaatota shira kana xaxan seeratti dhi­yeessuun olaantummaan seer­aa akka kabajamuuf hojjeta­maa jiraachuu pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naan­noo Beenishaangul Gumuz, Obbo Ashaadlii Hasan ibsan.

Pirezidaantichi kora marii waloo naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz Kibxa­ta darbe Magaalaa Asoosaatti adeemsifamerratti haasaa taasi­saniin, tattaaffii cimaa taasifa­meen hariiroon waloo boora’e ture bakkatti deebi’uu ibsaniiru.

Nagaan deebi’eera jedha­mee dhimmichi salphaatti kan bira darbamu miti jedhanii, olo­laawwan hafarsuun jeequmsi­cha babal’isaa kan turan akka adabamaniif hordoffiin taas­ifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Dhimmoota walitti bu’insichaaf sababa tahan seecca’uun nageenyi waaraan gama maraan akka argamuuf hojiitti seenamuusaa Obbo Ashaadliin himanii, hubamuun Oromoo nus dhukkubseera jedhan. Obbolummaafi jaalala waloo duraanii caalaa ijaaruuf kutannoon siyaasaa jiraachuus beeksiisaniiru.

Sochii fayyadamummaa Oromoon Benishaangul Gu­muz keessatti fedhu deebisuufis gaaffiileen hedduu deebii ar­gachaa akka jiran dubbataniiru. Oromoon naannicha keessa jiraatu hedduu ta’uusaatiin il­maasaa afaan dhalootasaaniitin akka barataniif manneen bar­noota saddeetitti Afaan Oro­mootiin barnoonni eegalamuu ibsaniiru.

Hawaasni naannolee la­meenii sochii mootummaan gama kanaan taasisaa jiru cina dhaabachuun shira harcaatota maseensuu akka qabanis pi­rezidaantichi hubachiisaniiru.

Maricharratti haasaa kan taasisan sadarkaa pirezidaan­tii ittaanaatti qindeessaan ki­laastara qonnaa Oromiyaa, Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, hariiroo waloo naannoolee lameenii cimsuuf bu’uuraawwan misoomaa gar­garaa babal’achaa jiru.

Daandiileen, jallisiin, manneen barnootaa saboota lamaan walitti hidhan caalaatti akka babal’ataniif pirojektiin bocamee bu’aa abdachiisaan galmaa’uus dubbataniiru

 Hordoffiifi deeggarsa waloo taasifamaa tureen mindeessi barsiisota Afaan Oromoo man­neen barnootaa 10 keessatti gaggeeffamuusaas himaniiru.

Tattaaffii Mootummaan Naannoo Beenishaangul fayya­dumummaa Oromoo mirka­neessuuf taasisaa jiru maddi­itti lammiilee hojidhabeeyyii naannicha keessa jiran cimsuuf Bulchiinsi Mootummaa Naan­noo Oromiyaa qarshii miliyoo­na 11 ramaduusaa beeksisani­iru.

Yeroo ammaa araarri bu’urra darbee fayyadamummaan um­matoota naannolee lameenii caalaatti akka cimuuf pirojek­tonni misoomaa qophaa’an akka dhugoomaniif hawaasaan deeggaramuu akka qaban Dok­tar Girmaan gaafataniiru

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

Waasiihun Takleetiin

Recommended For You

3 Comments to “Kan buqqa’e iddootti deebisaa, kan shira xaxeseeratti dhiyeessaa jirra””

  1. Pingback: situs dultogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *