Jiraattota wallagga Bahaa wajjin mariin geggeeffame

Ministirri Muum­mee Doktar Abi­yyi Ahmadiifi p i r e z i d a a n t i i n mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa bakka buutota Godina Wallagga Bahaa wajjin Magaalaa Naqamteetti mari’atan.

Hirmaattonni waltajjichaa jijjiirramni federaalarratti gag­geeffame akka gadi bu’u, car­raan hojii akka uumamu, jaarmi­yaalee siyaasaa wajjin mariidhan akka hojjetamu, gaaffiileen mis­oomaa addaddaa akka deebii argatan, namoonni seera malee hidhaman akka hiikaman, ab­bootiin qabeenyaa Wallaggatti invasti akka godhan, rakkoon nageenyaa akka furamu, nagaafi tasgabbii waaraan akka bu’u, siyaasni Oromoo gara tokkotti akka dhufu gaafataniiru.

Yaadotaafi gaaffiilee walta­jjicharratti ka’aniif Doktar Abi­yyi Ahmadiifi Obbo Lammaa Magarsaan deebii kennaniiru.

Doktar Abiyyi injifannoo argameen ummata tajaajiluutti hinceene, waan barbaadnu arga­chuun yeroo nu gaafata jedha­

 niiru. Injifannoo arganne kunu­unsinee, bu’aa qabsoo jaarraa galmaan ga’uu qabnas jedhan.

Kana milkeessuufis um­manni deeggaree jijjiiramicha guutummaatti kan ofii gochuu­tu irraa akka eegamu ibsaniiru.

Gaaffiin misoomuu bifa adda hinciccineen deebii akka argatu waliin irratti hojjennas jedhaniiru.

Namoonni seera malee hid­haman yoo jiraatan, koreen hundaa’ee akka qulqullaa’u pi­rezdaanti Lammaa Magarsaan irratti ni hojjetus jedhan.

Wallaggi akka jijjiiramu, miira boo’ichaa keessaa ba’ee miira injifannootti cee’uu qaba kan jedhan ministirri muu­meen. Mootummaan Wallagga jijjiiruuf kutannoofi xiyyeef­fannaa qaba jedhaniiru.

Sooreyyiin misoomaaf gara Wallaggaa yammuu dhaqan ee­gumsaafi kunuunsa akka god­huufis dhaamaniiru.

Asoosaafi Finfinnee walitti hidhuuf baaburri barbaachisus, kan kanaan duraatuu duula filannootiif waadaa galamee hinxumuramne; nuti waan hin­hojjenne ummataaf waadaa hingallus jedhaniiru. Buufata Xiyyaaraa Naqamtee garuu xumuruuf ni hojjenna jedhan Doktar Abiy.

Obbo Lammaa Magarsaan biyyattii gara lixaatti rakkoon carraa hojii bal’aa ta’uu ibsanii rakkinicha furuuf kan hojjeta­mu ta’uu eeran.

Ummannis nagaafi tasgab­biisaa eeggatee misoomatti bobba’uun, mootummaa wa­jjin waltumsuun akka hojjetu dhaamaniiru.

Mootummaan jijjiirama nama barate heddumminaan waan barbaaduuf, Yunvarsiitii Wallaggaa dabalatee barnoota babal’isuurratti bal’inaan ni hojjenna jedhaniiru.

Rakkoon nageenyaa Oromi­yaa lixaa hojii misoomaarratti dhiibbaa uumeera, sooreyyiin dhufuu barbaadanis haalli na­geenyaa fooyya’uu qaba jechu­un dhaaman.

Nagaafi tasgabbii waaraan akka bu’u, misoomni barba­adamu akka dhugoomu, dii­nagdeen naannoos ta’e kan biyyaa akka guddatu ummann mootummaa wajjin waltum­saan hojjechuu qaba jedhan.

Siyaasni Oromoo gara tok­kotti yoo dhufe isaaniif seenaa guddaa ta’uu eeranii; hoggansi jijjiirramaas aangoo dhuunfa­tee taa’uuf fedhii kan hinqabne himaniiru.

Obbo Lammaan faayidaa ummataatif eenyuma waliinuu ni mari’anna; kan nuti waliin qabnu ummata kana amma ta’etti jedhaniiru jechuun kan gabaase Faanaa Birodikaasti­ingi Korporeeti  Bariisaa Ebla 4/ 2011

Recommended For You

4 Comments to “Jiraattota wallagga Bahaa wajjin mariin geggeeffame”

  1. Pingback: FunnelMode.com
  2. Pingback: funnel culture
  3. Pingback: porn film
  4. Pingback: Alon Alexander

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *