Duulli qulqullinaa iftaan adeemsifama

TOI: Duulli qulqullinaa ilaalcha gaarii barsiisuuf ga­ragaaru naannolee biyyattii hundatti akka adeemsifamu ministirri muummeen ibsan.

Doktar Abiyyi kana kan dubbatan kaleessa Kibxata galgala atileetota dorgommii qaxxaamura biyyaa addun­yaa 43fa irratti hirmaatanii mo’ataniif masaraa mootum­maatti sagantaa galateeffan­naa qophaa’erratti.

Rakkoolee nageenyaa si’ana mul’ataa jiran gaarii yaaduudhaan jijjiiruuf waan barbaachisuuf Dilbata dhufu naannolee biyyattii hundatti duulli qulqullinaa ni taasifa­ma jedhaniiru.

Kunis miira badaa miira gaariin bakka buusuufi du­ula yaada gaarii yaachisuu dandeessisu akka ta’e eera­niiru.

Dilbata barii sa’aatii 12:30 hanga sa’aatii 2tti konkolaattonni hundi akka dhaabbatan gochuun kees­sumaa Finfinneetti jiraat­

 tonni gamtaan akka ba’an waamicha taasisaniiru.

Barattoonni yunivarsiitii immoo yunivarsiitiiwwa­niifi magaalotasaanii akka qulqulleessan hojjettoonni mootummaas kanarratti akka hirmaatan gaafataniiru.

Duulli qulqullinaa kun akkuma balfa naannawaar­raa qulqulleessan hunda, sammuu keessaas yaada yaraafi hamaa ququlleessuu­un yaada gaariidhaan bakka buusuu akka qabatamu bar­siisuu kan kaayyeffateedha.

Keessumaa garaa gar­teewwan afaanirratti bu’uureffatan faaya gamtaa keessa jiranii malee qabxi­iwwan garaagartee ta’uu akka hinqabaanne ibsaniiru.

Rakkoolee ammaan tana biyyattii mudataa jiran wal­gargaarii ce’uuf walgar­gaaruun barbaachisaa ta’uu eeranii, kanaafis lammiileen ga’eesaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bariisaa Ebla 4/ 2011

Recommended For You

3 Comments to “Duulli qulqullinaa iftaan adeemsifama”

  1. Pingback: safe nakara hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *