Finfinnee: “Rakkoon ammaan tana biyya keenya iddoowwan tokko tokkotti mul’atu waanuma imala jijjiiramaa keessatti mul’atuudha. Garuu isa booda abdii guddatu jira”.
“Otoo abdiin jiraachuu baatee rakkoon gonkumaa hinuumamu ture. Abdii duubaan jirutu hudhaalee darbanii darbanii mul’atan akka uumamu taasise. Ani rakkoon barbaade yoo dhufe agarsiistuu egereeti jedheen hubadha. Otoo abdiin jiraachuu baatee wacni hinuumamu ture” jedhu Ambaasaaddar Muluu Salamoon.
Dhiyeenya kana Jarmanitti dippiloomaatummaan kan muudaman Ambaasaaddar Muluun, gaafdeebii Dilbata darbe dhimmoota adda addaarratti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, “Diyaaspooraa Itoophiyaa biyya alaa jiru wajjin ciminaafi ofitti amanamummaan nan hojjedha” jedhan.
“Kanaaf ammoo ani kanaan duras ummata wajjin hojjetaa waanan tureef ilaafi ilaameedhaan keessumaa diyaaspooraa wajjin hojjechuuf qophiidha” jechuun eeraniiru.
Miseensa garee dippiloomaasii ta’anii hojjetaa waan turaniif ambaasaaddarummaan isaaniif haaraa akka hintaanes eeranii, kanaan dura hojiidhuma walfakkeenya qabuun Itoophiyaa beeksisaa turuusaanii himu.
Doktar
Abiyyi Ahmad durumaa qabanii sammuu qulqulluudhaan of kennanii ummata kabajanii
hojjetaa kan jiranifi fakkeenyummaa guddaa kan qaban ta’uus beeksisaniiru. Ilaalcha
qajeelaafi sammuu qulqulluu qabaachuun guddina biyyaa keessatti shoora guddaa
kan qabu ta’uullee himaniiru.
“Biyyattii kan miidhe hanqina qabeenyaarra hiyyummaa sammuuti” kan jedhan Ambaasaaddar Muluun, dhaloota waa madaalee ilaaluufi sammuu qulqulluudhaan gadifageessee; bal’isee yaadu bal’inaan horachuuf daa’imman oolmaa daa’immaniitti argamanirraa kaasee hojjetamuu akka qabu eeru.
Ummanni mootummaasaa dhaga’aa, mootummaan kallattii agarsiisaa qoodasaanii bahachuu akka qabanis gorsanii, ittifayyadama miidiyaalee hawaasaas ta’e idileerratti of eeggannaa cimaan akka barbaachisu dubbaniiru.
Waantota hunda mootummaatu raawwatachuu qaba jechuun harka maratanii isa qofa eeguufi ilaaluunis sirrii akka hintaane ibsaniiru. Mootummaan tarsiimoo diriirsee ummata wajjin irratti hojjechuu qaba jedhaniiru.
Ittifayyadamaafi kabaja yeroorratti ejjennoo cimaa qabaachuun kan beekaman Ambaasaaddar Muluun hanga har’aatti dhaabbilee adda addaa biyya keessaafi alaa 22 caalanitti pirezidaantummaa, miseensummaafi ambaasaaddarummaan ardii, biyyaafi lammiisaanii tajaajilaa kan jiran Ambaasaaddar Muluun, digrii sadaffaa (PhD) isaanii hojjetaa jiru.
Bariisaa Ebla 4 /2011
Charinnat Hundeessaatiin
One Comment to ““Biyyattii kan miidhehiyyummaa sammuuti”Ambaasaaddar Muluu Salamoon”