Barattootni Oromoo 2500 gara Yunvarsitii Jigjigaatti deebi’aniiru

– Waliigalaan barattootni Oromoo 4000 ta’an yunivarsiitichatti argamu

Jigjigaa: Rakkoo nageenyaa ummattoota obbolaa, Somaal­eefi Oromoo gidduutt uumamee tureen inni tokko isa biraa of keessaa ari’uu bira darbee, sa­darkaa barattootni naannoo tok­koo hanga yunivarsiitii naannoo tokkotti barachuu hin dandee­nyeerra gahee ture.

Sababa kanaanis barattoonni naannoo Somaalee yunivar­siitiiwwan Oromiyaa keessaa bahanii gara naannoosaaniifi iddoowwan birootti yemmuu galan, kanneen Oromoo ta’aniis Yunivarsitii Jigjigaa gadi dhiisa­nii bahuunsaanii niyaadatama.

Yeroo ammaa jijjiirama gama siyaasaatiin dhufaa jiru­ufi shirri siyaasaa saboota la­meen gidduutti xaxamee ture fashalaa’uusaatiin walshakkiin jiru badee barattootni Oromoo Yunivarsiitii Jigjigaa dhiisa­nii bahanii turan 2500 caalan deebi’anii barachaa jiraachuu Daarektarri Kominikeeshiinii Yunivarsiitii Jigjigaa, Obbo Jamaal Alii nidubbatu.

Ammaan tana sodaan gama lachuun ture hafee gara ob­bolummaa duriitti deebi’amaa jiraachuus himanii, barattoota barana deebi’an dabalatee yu­nivarsiitichatti barattoonni Oromoo kuma 4 ol ta’an ba­rumsasaanii haalaan hordofaa jiraachuu ibsu.

Balaa Waxabajjii 28 magaal­aa Jigjigaatti uumameen dhalat­

 tootni iddoo biraarraa dhufanii achi jiraachaa turan hedduun sodaa keessa galuusaaniifi yu­univarsiitichi garuu namoota haala ture sodaatanii baqachuuf ka’an hedduu qubachiisuusaa eeru.

Balaa magaalichatti uu­mame caalaa ololli gama mi­idiyaalee hawaasaatiin ture maatii barattootaa biratti miira sodaa kan uume ta’uu kan ee­ran Obbo Jamaal, ummata sana tasgabbeessuufi hamilee itti ho­ruu keessatti shoorri yunivar­siitichi bahachaa ture olaanaa ta’uu ibsu.

Yeroo darbes barattoota lama sabaan Oromoofi So­maalee ta’an gidduutti walitti bu’iinsa sababa dhuunfaasaa­niitiin uumame gara sabaatti fiduudhaan jeequmsa uumuuf yaalame akka hinmilkoofne kan taasises barattootuma saba lameenii ta’uu dubbatu.

Yunivarsitichi mana bar­nootaa ummataa moodeelii ta’e hundeessuusaafi ammaan tana barattootni ciccimoon akka naannichaatti sadarkaa qaban filatamanii achitti barachaa jiraachuus ibsaniiru.

 Bariisaa Ebla 4/ 2011

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *