Walgeettii tajaajila elektirikii

Finfinnee: Maniiwwan misooma waaraa  ALA bara 2030tti milkeessuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qabaman keessaa dhiyeessa inarjii ammayyaawaafi amansiisaa ta’e gatii madaalawaatiin lammiilee hunda bira akka gahu gochuudha.

Ministirri Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Doktar Silashii Baqqalaa yaa’ii waliinii deggarsa inarjii biyyoota baha giddugaleessaa Roobii darbe Finfinneetti adeemsifamerratti argamuun akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti walgeettiin tajaajila elektirikii guutummaatti fedhii lammiilee kan guute miti.

Tattaaffii hanga ammaatti taasifameen kutaaleen hawaasaa dhibbantaan 44 ta’an tajaajila elektirikii argachuu kan danda’an yoo ta’u, ammayyuu kutaaleen hawaasaa dhibbantaa 56 ta’an ammoo  tajaajila elektirikiin ala madda inarjii boodatti hafaatti fayyadamuun jireenyasaanii gaggeeffachaa akka jiran eeran. Kunimmoo jireenya kutaalee hawaasaa keessumaa naannawaa magaalota xixiqqaafi baadiyyaa keessa jiraatan miidhaa waan jiruuf tarsiimoo haaraa diriirsuutiin tajaajila elektirikii fayyadamuu akka danda’aniif hojjetamaa jiraa jedhan.

Kanaanis sagantaan waliingahiinsa tajaajila elektirikii biyyaalessaa 2fa fayyadamummaa kutaalee hawaasaa hedduu mirkaneessu qophaa’eeraa jedhanii, kunis kan duraan turerraa gara dhibbantaa 65tti kan guddisuudha.

Sagantaa waliingahiinsa tajaajila elektirikii milkeessuuf mootummaan dhimmamtoota waliin xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjechaa jiraachuus himaniiru. Dhaabbileen biyyaalessaafi barnoota olaanaa, manneen barnootaa, wiirtuleen eegumsa fayyaafi waldaaleen dubartootaaf dursi kan kennamu ta’uus eeraniiru.

Sagantaan waliingahiinsa tajaajila elektirikii biyyaalessaa kanaanis waggoota lamaan dhufanitti inarjii qulqullina qabuufi wabii qabeessa ta’e dhiyeessuuf ykn tamsaasuuf kutannootiin kan hojjetamu ta’uusaas ibsaniiru.

Gaggeessaan hojii waliigalaa Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa Obbo Shifarraa Taliilaa gamasaaniin akka ibsanitti, sagantaan waliingahiinsa tajaajila elektirikii biyyaalessaa 2fa kun dhaadannoo, “Ifti lammiilee hundaaf” jedhuun kan eegale yoo ta’u, fayyadamummaa kutaalee hawaasaa danuu kan mirkaneessuudha.

Hojii kana si’eessuufis dhaabbileen faayinaansii biyya keessaafi ala jiran deggarsa walirraa hincitne taasisaa jiraachuusaanii himanii, mootummaanis dandeettiifi gahumsa raawwachiistotaa ga’oomsuurratti argamaa jedhaniiru. Kanaafis hawaasniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu tumsuu akka qabanis gaafataniiru.

Itoophiyaan hanga ALA bara 2015tti tajaajila elektirikii lammiilee hundaaf walgeessisuurra darbee wiirtuu inarjii biyyoota gaanfa Afrikaa ta’uuf  karoorfattee hojjechaa jirti. Kana dhugoomsuuf ammoo mootummaan pirojektoota addaddaa bocuun kampaaniiwwan dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jirus ibsameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

15 Comments to “Walgeettii tajaajila elektirikii”

  1. Pingback: coway
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. You have a expertise for conveying matters in a method which is quick to grasp. I am seeking forward to reading through much more from you.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *