“Rakkooleen invastimantiin walqabatan hiikamuu qabu” -Abbootii qabeenyaa

Tibba kana pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa abbootii qabeenyaa naannicha keessa socho’an wajjin Finfinneetti mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa maricharratti gaaffiileefi yaadota adda addaa kaasuun pirezidaantichaan deebii bal’aan kennameera. Abbootiin qabeenyaa haalli nageenyaa, bakki babal’isa warshaa, kenniinsi tajaajilaa, birokiraasiifi hojiiwwan seeraan alaa akka hiikamaniif gaaffiisaanii pirezidaantii naannoo Oromiyaatiif dhiheessaniiru.

Biyyattiitti rakkoo rakkoo birokiraasiis hudhaa waan ta’eef wajjummaan hiikuufi tarkaanfii fudhachuu barbaachisa jedhan. Miidirook irraa Doktar Araggaa Yirdaawu akka dubbatanitti, dargaggoonni hojii Dhabeeyyii kubbaaniyyoota waliin akka hinhojjenne kan taasisan namoonni faayidaa dhuunfaasaanii

qabaniifi kanneen biroof dhimma kan hinqabne damee kanarra jiraachuu eeranuun, kana sirreessuufis tarkaanfii fudhachuu barbaachisa jedhan.

Rakkoo biyyattii keessa jiru hiikuuf qabeenya qabnu sirnaan itti fayyadamnuu qabna yaada jedhu dhiheessaniiru Doktar Araggaan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniitiin, naannichatti rakkoo invastimantii wajjin walqabatee mul’atu abbootii qabeenyaa waliin hojjechuun akka hiikaniifi rakkoo hojii dhabdummaas wal taanee hojii uumnee ni hiikna jedhan.

Gaaffii warshaa babal’isuu wajjin walqabatee kenniinsi lafaa guutummaatti akka hindhaabanneefi invastimantoota filatamaniif kennamaa akka jiru dubbatan. Hojmaanni ifa te’e rakkoo kenniinsa lafaa guutummaatti kan hiiku qophaa’aa waan jiruuf yeroo dhihootti ni hiikama jechuun ibsan.

“Dhimmi babal’ifannaa ajandaa guddaadha. Tarii kanneen biroo hindubbanne malee ajandaa abbootii qabeenyaa keenyaati. Babal’ifannaa guutummaatti hindhaabne. Invastimantiiwwan filataman irratti haaluma amala invastimantichaatti faayidaan biyyaafi hawaasaaf kennu ilaalamee amma har’aattuu murteeffamanii kennamaa jiru malee guutummaatti hindhaabanne. Garuummoo akka kanaan duraa baay’inaan kennamaa hinjiru.”

Pirezidaanti Lammaan akka jedhanitti, naannicha keessa rakkoon nageenyaa yaaddessaan hinjiru. Waggoota darban wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu boora’uun nageenyaa xiqqaadha.

Yaaddoonabbootii qabeenyaa, hawaasaafi mootummaarra tures salphateera. Biyyattiif qormaata guddaa kan ta’e rakkoo carraa hojii uumuu abbootii qabeenyaa waliin taanee hiikuu qabna jedhaniiru. Marii  mataduree, “Konfaransii Invastimantii Oromiyaafi nageenya industirii’ jedhuun qophaa’erratti  hooggantoota naannoofi aanaa dabalatee abbootiin qabeenyaa hedduun argamaniiru.

Naannicha keessa abbootiin qabeenyaa invastimantiirratti bobba’an kuma 10 ol yemmuu jiraatan, kanneen keessaa dhibbantaan 90 abbootii qabeenyaa biyya keessaati jechuun kan gabaase TOIdha.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

One Comment to ““Rakkooleen invastimantiin walqabatan hiikamuu qabu” -Abbootii qabeenyaa”

  1. Pingback: Racial segregation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *