Mattuutti mankuusa bunaa ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee: Mankuusaa bunaa Mattuutti qarshii miliyoona 60n ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa Pirezedaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannnoo Oromiyaatiin kaleessa kaa’ame.

Obbo Lammaa Magarsaa wayita dhagaa bu’uuraa kaa’anitti akka jedhanitti, ijaaramuun mankuusa kanaa

rakkoo walitti hidhaminsa gabaa bunaa jiraattota naannawichaa hubaa tureef furmaata. Sirni dhagaa bu’uuraa kaa’uu kun bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa, Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti kan

raawwatame yoo ta’u, sochichi walitti hidhaminsa gabaa uumuun alatti fayyadamummaa dargaggootaas kan mirkaneessu ta’uu Obbo Lammaan beeksisaniiru.

Minsitirri Muummee, Doktar Abiyyi Ahmadiifi Obbo Lammaa Magarsaa hawaasa Magaalaa Mattuufi naannawashii wajjin dhimmoota gara garaarratti mari’ataniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

4 Comments to “Mattuutti mankuusa bunaa ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame”

  1. Pingback: sex gay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *