“Filannoon qabnu gaggeessitoota keenya deggarree jijiiramicha ceessisuudha” -Jiraattota Finfinnee

Finfinnee: Jijjiiramoota siyaas-dinagdee waggaa tokko keessatti argaman itti fufsiisuuf sirni yaadannoo waggaa 1fa Kibxata darbe Galma Barkumeetti adeemsifameera.

Sirnicharratti anga’ootni mootummaa federaalaafi naannolee, ambaassaaddarootaafi keessummoota kabajaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachuun deggarsa qaban mirkaneessaniiru.

Jijjiiramoota yeroo gabaabaa keessatti argaman ittifufsiisuuf carraan jiru hoggantoota amma biyyattii gaggeessaa jiran deggaruu malee filannoon biraa akka hinjirres jiraattoonni Magaalaa Finfinnee Gaazexaa Bariisaatiif yaada kennan eeraniiru.

Obbo Masqaluu Baalchaa, jijjiiramoota siyaasaa waggaa tokko keessatti argaman baay’inasaaniirraa kan ka’e ibsuun rakkisaa ta’uu dubbatu. Doktar Abiyyiifi jaalleewwansaanii biyya mancaatee turte cimina hoggansasaaniin deebisanii lubbuu itti horaniiru jedhu.

“Ani sirnoota sadii, jechuun kan Hayilesillaasee, Dargiifi ADWUI duraanii dabarseera. Ji’oota muraasa keessatti dhiigni lammiilee dhangala’ee badii guddaan osoo hinqaqqabiin biyya keenyattii salphinarraa oolchuu danda’aniiru” jechuun gahee hoggantootni kunneen taphatan ibsu.

Wagguma tokko keessatti rakkoolee saboota, sablammootaafi ummattoota  biyyattii hubachuun rakkisaadha kan jedhan Obbo Masqaluun, ministirri muummee garuu Itoophiyaarra darbanii abdii ummattoota gaanfa Afrikaa ta’uusaanii eeru. Kanaaf, jijjiiramoota  amma argaman akka qaroo ija ofiitti eeggachuun murteessaa ta’uus yaadachiisan.

Aadde Immabeet Abbabaa akka dubbatanitti, waggaa tokkoo keessatti jijjiiramootni hedduu ni dhufa jedhanii abdachaa hinturre. Ta’us, haalotni sodaachisoon biyyattiin keessa turte ga’umsa hoggansaatiin gara gaariitti jijjiiramuunsaa daran akka isaan gammachiise ta’uu dubbatu.

Jijjiiramni kun ammoo Itoophiyaarra darbee biyyoota  ollaafi Afrikaa Bahaafillee abdii ta’uu eeranii, jijjiiramichaitti fufsiisuufis ta’e ceesisuuf carraan jiru tumsuudha jedhan.

Aadde Tigistuu Warquus sochiileen bu’aa hoggansaa kana xureessan  bakkawwan tokko tokkotti mul’achaa akka jiran dubbatu.

Keessumaa hawaasni odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaatiin darban akka dhugaatti fudhatee raafamuun akka sirrii hintaane dubbatu.

Doktar Tulluu Bashaas, jijjiiramootni keessumaa nagaafi tasgabbii  biyyaa mirkaneessuutiin, paartileen siyaasaa biyyatti deebi’anii karaa nagaan akka qabsaa’an gochuufi hariiroon biyyoota ollaafi Baha giddugaleessaa wajjin uumame onnachiisaa ta’uu eeru.

Gaaffiileen ummataa deebii argachuu qaban hedduu ta’anillee injifannoowwan argaman tikfachuun hundarra murteessaa ta’uus ibsaniiru. Kan arganne tikfannaan jijjiiramicha itti fufsiisuufi ceesisuun salphaa jedhan.

“Filannoon jiru tokkoofi tokko qofa. Jijjiiramoota argaman akka qaroo ijaatti eeggachaa kan dabalataa gaafachuun barbaachisaadha; itti fufsiisee kan ceesisus kanuma” jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Filannoon qabnu gaggeessitoota keenya deggarree jijiiramicha ceessisuudha” -Jiraattota Finfinnee”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *