Rakkoo naannawa daangaa Oromiyaafi Amaaraa furuuf waliigalamuun ibsame


Rakkoo naannawa daangaa Oromiyaafi Amaaraatti mul’atu qindoominaan kan hojjetamu ta’uun ibsame.

Hoggansi Biirolee Bulchiinsaafi Nageenyaa naannolee lamaanii har’a Magaalaa Baahir Daaritti dhimmicharratti ibsa waloo kennaniiru.
Ibsicha kan kennan ittigaafatamaa ittaanaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuufi gitasaanii naannoo Amaaraa Koloneel Allabal Amaaraati.

Koloneel Abbabaan hariiroon ummata lameenii kan barootaa ta’uu eeranii; daangaa naannolee lamaaniitti rakkoo nageenyaa kan uumu faddaaltota siyaasaati jedhaniiru.

Jijjiirama akka biyyaatti dhufe ummanni naannolee lameenii harka walqabatee tikfachuu akka qabus dhaamaniiru.

Ittigaafatamaa ittaanaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Amaaraa Koloneel Allabal Amaaraa gamasaanitiin, rakkoolee nagaafi tasgabbii naannoo daangaatti mudatan waaraan furuuf waliigalleerra jedhaniiru.

Koreen dhimmicha adda baasu kan hundaa’e yammuu ta’u, karoorri hojii waloos qophaa’eera jechuun kan gabaase ‘FBC’dha.

Recommended For You

2 Comments to “Rakkoo naannawa daangaa Oromiyaafi Amaaraa furuuf waliigalamuun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *