“Obsi mootummaa olaantummaa seeraatiin utubamuu qaba” -Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Finfinnee: Bitootessa 18 bara 2010 ummanni Itoophiyaa taatee tokko baruuf gurra qeensee miidiyaa dhaggeeffachaafi ilaalaa ture. Inni kaan miidiyaalee hawaasummaafi bilbilaan odeeffannoo walgaafata.
Ciniinsuu guyyoota 17 obbaafachuufis sa’aatii dhumaarra ture.

Gaazexeessitoonni miidiyaalee biyyattii garagaraas taatee kana ummata biraan ga’uuf hanga halkan qixxeetti balbala Waajjira Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) taa’aa turan.
Yeroon ga’uu hinooltu, halkan keessaa naannawa sa’aatii ja’aatti miidiyaaleen muraasni ADWUI walga’ii obsa fixachiisaa guyyoota 17 taa’een durataa’aa ODP (DhDUO yommuusii) Doktar Abiyyi Ahimadiin durataa’aa taasisuun filate. Ummanni gamaa gamasiis yeroodhuma sanaa kaasee gammachuusaa ibsachuu eegale.

Erga isaan aangootti dhufanii Miseensoota Mana Mareetiin muudamanii waggaa guutuuf guyyoota afur qofatu hafe. Yeroo kana keessattis hojiilee jajjabeessoo hojjetaniin biyya keessaafi sadarkaa biyyaalessaatiin beekamtii argataniiru.

Obbo Masarat Nigusee Miseensa Mana Mareefi Miseensa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaafi To’annoo Baasii Mootummaati. Waggaa tokkoffaa hoggansa haaromsaatiin walqabatee gaafdeebii Gaazeexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti, Itoophiyaan waggaa tokkoon dura gama hoggansaa, siyaasaafi dinagdeetiin jaatanii keessa seentee turte. Biyyi ofirra dabartee nageenya gaanfa Afrikaaf illee wabii turte nageenyishee boora’ee sadarkaa diigamuurra qaqqabdee turte.

Waggaa tokkoo as garuu nageenyi biyyattii bakkatti deebi’ee gaaffiileen ni deebi’uu jedhamanii hineegamne deebii argachuusaanii kaasanii, fakkeenyaafis dhaabbileen, namoonni dhuunfaafi miidiyaaleen shororkeessummaan moggaafamanii turan gara biyyaa dhufuun qaama jijjiiramaa ta’uunsaanii waan yeroo gabaabaa kana keessatti ni ta’aa jedhamee yaadame hinturre jedhu.

Duraan ADWUIn aangoo hunda ofii dhuunfatee morkattoota achii dhiibuun dirree siyaasaa dhiphiseera jedhamee hamatamaa turuu kaasanii, amma garuu paartiileen ifaan mari’achuun filannoof akka of qopheessaniif waltajjii bal’aan uumamuu dubbatu. Ummannis paartii barbaade deggaruu, alaabaa jaalatu mirmirsuufi yaadasaa akka fedheetti ibsachuu eegaluun jijjiirama hoggansa kanaan argame ta’uu dubbatu.

Gama hawaas-dinagdeetiinis wantoonni hafan jiraataniyyuu hojiileen jajjabeessoo hojjetamaniiru kan jedhan Obbo Masarat akka waliigalaatti jijjiiramni yeroo gabaabaatti argame kun lammiin Itoophiyaa borii akka abdatu kan taasisu ta’uu dubbatu.

Bu’aan jijjiirama kanaa bareedee akka itti fufuuf garuu mootummaan dinagdee biyyaa hudhee kan qabe rakkoo daldala alaa waliin isa walqabatu waan ta’eef xiyyeeffatee itti deemuu akka qabu ibsu. Kana malees buqqa’iinsiifi waldhabdeen bakkaa bakkatttti mul’atu kun xumura akka argatuuf olaantummaa seeraa kabachiisuufi tarkaanfii barbaachisu fudhachuu baannaan ummanni akkuma kanaan duraa aarsaa hinbarbaachifne kanfaluuf akka deemuu sodaa qabaachuusaanii hubachiisu.

Miseensi mana marichaafi Miseensa Koree Dhaabbii Galii, Bajataafi Faayinaansii Obbo Wondosan Wagaayyoos gamasaaniin, jijjiiramni waggaa tokko keessatti mul’ate daran olaanaafi wantoota kan hin yaalamne fakkaataniif illee furmaata kan kenneedha jedhu. Akka fakkeenyaattis, waa’een dhimma Itiyoo-Eertiraa yeroo gabaabaa kana keessatti mitiiti barootaaf illee ni hiikama jedhee kan yaade akka hinturre ibsu.
Hojiileen yaadrimee idaa’amuufi dhiifamaatiin jaalala biyyaa fiduuf hojjetaman kan akka laayyootti ilaalaman akka hintaane kaasanii, akka waliigalaatti hojiileen hojjetaman biyya keessaafi alatti dinqisiifannaa argachuusaanii eeru.

Ta’us erga yeroo dhihooti qaamota ‘faayidaan’ isaanii jalaa xuqameen nagaan biyyaa boora’aa jira kan jedhan Obbo Wondosan, obsi mootummaa olaantummaa seeraatiin yoo hinutubamne jijjiirama dhufetti gufuu ta’aa sodaan jedhu ummata birallee jiraachuu walatajjiiwwan marii gaggeeffamanirraa hubachuusaanii addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bitootessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Obsi mootummaa olaantummaa seeraatiin utubamuu qaba” -Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *