“Injifannoowwan haaraaf qophaa’aa ayyaana hundeeffama ODO haa kabajnu” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Guyyaa hundeeffama waggaa 29fa ODP oggaa kabajnu injifannoowwan haaraaf of qopheessuun akka ta’u dura taa’aan paartichaafi Ministira Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Guyyaa hundeeffama waggaa 29fa ODPfi gamaaggama raawwii ji’oota ja’aa koree raawwachiiftuu hojii waajjira ministira muummeetti kabajameef geggeeffamerratti ergaa kan dabarsan durataa’aan ODP Doktar Abiyyi, dhaabichi Itoophiyaa saboonni hundi ittiin boonan, itti hojjetaniifi itti hinqaanoofne uumuun ni hojjeta jedhaniiru.

Yaadoota Finfinnee wajjin walqabatanii ka’aan jiran ilaalchisees, akkuma lammiin Itoophiyaa kamuu Naqamtee, Jimma, Baahirdaar, Hawaasaafi Maqalee dhaqee hojjetuufi kan kooti jedhu, Finfinneenis bakka jireenyaa Itoophiyaanota hundaa ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan lammiileesheerra darbee biyyoota Afrikaa hedduuf kan geessu ta’uushee ilaalcha keessa galchuu akka barbaachisus dubbataniiru.

Kaayyoon ODP’s biyya Itoophiyaanonni hundi bilisummaadhaan keessa jiraatan uumuu ta’uu eeranii, gama kanaanis hunda waliin hojjechuuf kuteenyummaa akka qabu ibsaniiru.

Kabaja guyyichaarratti bakka buutonni dhaabbilee obboleewwaniifi deggartootaa argamuusaanii feesbuukii Waajjirri Ministira Muummee ‘Office of the Prime Minister-Ethiopia’ irraa odeeffanneerra.

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Injifannoowwan haaraaf qophaa’aa ayyaana hundeeffama ODO haa kabajnu” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: suicide bombing
  2. Pingback: Connetix Tiles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *