“Hawaasni diyaaspooraa jijjiiramoota galmaa’an ija gaariidhaan” -Ambaasaddar Abdulmannaan Sheekaa


Finfinnee: Seenaa Itoophiyaa keessatti hoggantootni biyyattii  haqummaan, amanamummaafi qajeelummaan gaggeessaa akka hinturre ragaaleen ragaaleen adda addaa ni eeru.

Sirnoota darban keessa gaggeessitootni Itoophiyaa hundarra eenyummaa (seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa) sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattii beekamtii dhorkachuun hacuucaa turaniiru. Kunimmoo saboonniifi sablammootni qabsoo hadhaawaatti seenuun lubbuusaanii akka wareegan taasiseera.

Waggoota kurnan lamaan darban keessas sirni bulchiinsa mootummaa turee fayyadamummaa lammiilee hundaa waan hinmirkaneessineef keessumaa qabsoon ummata Oromoo yeroo kamuu caalaa akka finiinu taasiseera. Kunis hoggantootni  haqummaafi amanamummaan ummata tajaajilan gara biyya gaggeessuutti akka dhufan taasiseera.

Dura taa’aa ittaanaan Waldaa Diyaaspooraa Oromiyaa Ambaasaddar Abdulmannaan Sheekaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, jijjiiramootni hawaas-dinagdeefi siyaasaa waggaa tokko keessatti galmaa’an hawaasa diyaaspooraa hedduu biratti ija gaariidhaan kan ilaalamu. Seenaa Itoophiyaa keessatti gaggeessitotni lammiilee hunda loogii malee tajaajilan waan hinturreef, sabootniifi sablammootni hacuucamaa turaniiru.

Erga Doktar Abiyyiifi waayillansaanii gara gaggeessummaa biyyaatti dhufanii kaasee garuu haala ajaa’ibsiisaa ta’een jijjiiramootni heddu galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaa, baha giddugaleessaa, akkasumas  biyyoota guddatan wajjin qabdullee haala gaariidhaan qajeelaa jiraachuus ni dubbatu.

Kanaaf ammoo hawaasni diyaaspooraa Oromoos ta’e kan saboota biroo itti boonu, guutummaattis kan deggaruufi kabaju  ta’uu himaniiru.

Hundarra hoggansi mootummaa amma biyyattii gaggeessaa jiru sabootaafi sablammoota biyyattii mara jaalalaan ofitti qabee komiiwwan kanaan duraa furuuf hojjechaa waan jiruuf  hawaasni diyaaspooraa deggarsa gochuu qaba jedhan.

Waldaan Diyaaspooraa Oromiyaas rakkooleen hawaas-dinagdeefi siyaasa Itoophiyaa karaa nagaafi qaroomina qabuun akka furamu waan barbaachisu hundaan mootummaa cinaa kan hiriiru ta’uus ibsaniiru. Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoos garaagarummaa qaban maddiitti dhiisanii tokkummaan badhaadhummaa sabasaaniif akka hojjetan waamicha dhiyeessa jedhaniiru

Takkaalliny Gabayyootiin

Bitootessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Hawaasni diyaaspooraa jijjiiramoota galmaa’an ija gaariidhaan” -Ambaasaddar Abdulmannaan Sheekaa”

  1. Pingback: ai ดูดวง

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *