Finfinnee: Itoophiyaan waggoota 15n darban keessa guddina dinagdee saffisaafi ittifufiinsa qabu galmeessisaa turteetti. Kanaanis sadarkaa biyyaatti hanga hiyyummaa dhibbantaa 69rra kan ture gara dhibbantaa 29tti hir’isuun jireenya lammiilee fooyyessuun danda’ameera.
Guddinni dinagdee saffisaafi ittifufiinsa qabu galmaa’aa turuunsaa kan hinhaalamne ta’us gaaffiileen ogeessota walfalmisiisaniifi shakkisiisan hindhabamne. Kunis, guddinni dinagdee yeroodhaa yerootti erga fooyya’uu danda’ee hoji dhabdummaan maaliif baay’ate? Dhiibbaa liqaa maallaqaa jalaa bahuun hoo maaliif dadhabame? Qisaasama qabeenya ummataa ittisuun maaliif ulfaate? Akkasumas gufuuwwaniifi kallattii guddina dinagdee biyyattiirratti hayyootni damee yaada furmaataa dhiyeessaa turaniiru; har’allee dhiyeessuurrati argamu.
Waldaa Ikonomistoota Itoophiyaatti, Doktar Sayid Nuuruu ogeessa dinagdeeti. Akka isaan jedhanitti, waggoota 15n darbanitti walitti fufiinsaan guddinni dinagdee galmaa’uun kan falmisiisu miti. Hangi, sadarkaafi maddi guddina dinagdee waliigalaa garaagarummaa qabaatus fooyya’insi jiraachuu dhaabileen faayinaansii alaafi biyya keessaa mirkaneessaa turaniiru. Guddina dinagdee galmaa’erraa garuu lammiileen marti haala walqixa ta’een itti fayyadamaa hinturre.
Guddinni dinagdee yeroodhaa yerootti fooyya’insa yoo qabaates ammallee qaal’insi jireenyaa, hoji dhabdummaan, hanqinni sharafa alaafi dhiibbaan liqaa maallaqaa biyyoota guddatanii jiraachuu kan mul’isudha. Kunimmoo misooma dinagdee biyyattiin dhugoomsuuf qabattee hojjechaa jirtutti gufuu kan ta’u waan ta’eef, mootummaan qorannoo saayinsawaatiin deggaramee gamanumaan furuu akka qabu kan agarsiisuudha.
Hoji dhabdummaa dargaggootaa furuufis mootummaan invastimantiirratti haalaan xiyyeeffachuu qaba kan jedhan Doktar Sayid, gama kanaan hojiilee waggoota darban keessa eegalaman caalaatti itti fufsiisuu gaafata. Sochiin gama invastimantiitiin taasifamu biyya keessatti sirnaan qajeelaa taanaan ce’umsi kaappitaalaafi teknoloojii kan dhugoomudha. Kana waliinis carraan hojii bal’inaan akka uumamu gochuurra darbee hanqinoota gama sharafa alaatiin mul’achaa jiranillee kan furuudha jedhu.
Akka ibsa Doktar Sayiditti, imaammatni dinagdee biyyattiin hordofaa turte lammiilee sadarkaa hiyyummaa keessa jiraatan kan deggaru ta’us fedhii hundaa guutuu hindandeenye. Kunis, hirmaannaan sektaroota dhuunfaa baay’ee gadaanaa waan ta’eefi jedhu. Mootummaan lammiilee maraaf carraa hojii uumuun rakkisaa waan ta’eef, sektaroota dhuunfaa caalaatti jajjabeessuu akka qabu gorsu.
Hundarra ammoo lammiilee galiinsaanii daran gadaanaa ta’e gargaaruuf maallaqa liqaan argame harkaaf harkatti kennuu osoo hintaane barnootaafi leenjii kennuun, fayyaa lammiileef eegumsa gochuun, ga’umsaafi dandeettii dargaggootaa gabbisuufi ofumaan carraa hojii akka ummatan gochuutiin gufuuwwan guddina dinagdee waliigalaa furuun kan danda’amu ta’uu ibsu.
Aadde Birhaanee Asaffaa ammoo Waajjira Ministira Muummeetti ogeettii invastimantii yoo ta’an, Itoophiyaan waggoota kurnan lamaan darban keessa guddina dinagdee ajaa’ibsiisaan biyya galmeessisuu dandeesseedha jedhu. Kanaanis biyyoota Afrikaa keessaa Botiswaanaa, Moozaambikiifi Afrikaa Kibbaatti aantee adda durummaan waamamti jedhu.
Guddinni dinagdee saffisaafi itti fufiinsa qabu galmaa’uyyuu hanga ammaatti wantootni sektara kana hudhanii qaban hedduu ta’anis hanqinni sharafa alaa isa ijoo ta’uu eeru. Kana furuuf ammoo mootummaan hanga invastimantii dabalaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa waggoota shanan darbanirraa kaasee dachaa afuriin dabaluuf irratti hojjetamaa tureera; bu’aan barbaadamus argameera jedhu.
Kunimmoo yeroodhaa yerootti ce’umsi kaappitaalaafi teknoloojii akka dhugoomu gochuurra darbee lammiilee kuma 20 oliif carraan hojii akka uumamu ta’eera. Abbootiin qabeenyaa misooma invastimantiirratti bobba’anis gibiraafi taaksii mootummaa kaffalaa waan jiraniif galii biyyattii fooyyessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa kan jiru ta’uu addeessu.
Gama biraan ammoo liqaan maallaqaa biyyoota alaa guddina dinagdee biyyattiirratti dhiibbaa geessisaa waan jiruuf xiyyeeffannaa mootummaa kan barbaadu ta’uu eeru. Liqeeffachuun bu’uuraarraa rakkoo miti kan jedhan Aadde Birhaaneen, biyyi liqaa alaatiin sochootu garuu ciminaan hojjechuu akka qabdu daqiiqaa tokkoofillee dagachuu hinqabdu jedhu. Lammiileen marti qabeenya uumamaa qaban mara haalaan akka itti fayyadamaniif hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran hubannoo uumuu akka qabanis ni hubachiisu.
Obbo Dassaalany Rahaamaa Yunivarsiitii Sivil Sarvisii Itoophiyaatti ogeessa dinagdeeti. Isaanis guddinni dinagdee biyyattii fooyya’aa kan jiru ta’us gufuuwwan hedduu jiraachuu eeru. Immaammati dinagdee biyyattiin hordofaa jirtu caalaatti namoota harka qal’eeyyii kan tumsu waan ta’eef akka waan gaariitti kan fudhatamuudha jedhu.
Rakkoo guddaan mul’achaa jiru biyyattiin hanqina qabeenyaa qabaachuushee osoo hintaane qoqqoodinsi qabeenyaa haqummaa kan hinqabne ta’uun jiruufi jireenya lammiilee gidduutti garaagarummaa bal’aa uumeera jedhu. Garaagarummaa kana hir’isuuf ammoo mootummaan imaammata dinagdee biyyattii hordofaa jirtu sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu gorsu.
Gufuuwwan guddina dinagdee waliigalaa biyyattii furuuf mootummaan rifoormii taasisaa akka jiru ibsameera. Rifoormiin guddina dinagdee si’a taasifamuttis mootummaan hundarra sochii intarpiraayizoota maayikroo xixiqqaa (IMX)fi baasii daldalaa walmadaalsisuu akka qabus ogeessotni kunneen ni gorsu. Kun dhugoomnaan ammoo hudhaaleen misooma dinagdee keessatti mul’an ni furamu.
Takkaalliny Gabayyootiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Bariisaa Bitootessa 20/2011
7 Comments to “Gufuuwwan guddina dinagdee waliigalaa furamuu qaban”