“Doktar Abiyyi waggaa tokkotti dheebuu bilisummaa waggoota dhibbaa nu baaseera” -Jiraattota Magaalaa Amboo

Ambo: Waggaa tokkoon dura nama qalbifatee ilaaleef daandiin biyyattiin irra imalaa turte qarqara hallayyaa dhaabbachuunsheefi bittinnaa’uuf guyyoota lakkaa’achaa turuunshee ifaadha.

Egereen biyyattii dukkanaa’ee boruufi iftaan kufittii jedhamee osoo eegamuu wanti hin yaadamne dhalatee biyya kufaatii irraa baraare.
Kallattiilee hundaan yeroo mormiin cimee caasaaleen mootummaa sadarkaa gadii diigamanii biyyi raafamaa turtetti caasaadhuma mootummaa keessaa gareen jijjiiramaa bahee qabsoo ummataatti makamuun qilleensa bilisummaa labse.

Shira dhaadhessitoota sirna moofaa mo’uudhaanis Doktar Abiyyi Ahmadiin Ministira Muummee gocdhachuun ummatatti erga bahanii kunoo waggaa tokko ta’eera.

Turtii waggaa tokkoo kanaan dheebuu bilisummaa ummanni waggoota dhibbaatamaaf qabu deebisuusaaniitiif keessumaa immoo jiraattonni Magaalaa Amboo ragaa bahu.

Dhufaatii Doktar Abiyyi dura ummanni Amboofi naannawashee ji’a ji’aan ijoolleesaa dhabuun waan baratamaa kan ture ta’uu kan himan jiraataan magaalattii, Obbo Firoomsaa Fedhasaa, keessattuu maatiin ijoolleensaa mana barumsaa galan yeroo hunda naasuu keessa jiraachaa turuu ibsu.

Gaafii barattootaafi ummata Amboo kan ture qe’ee keenyarratti du’uun akka dhaabbatuufi bilisummaan ummattootaa akka mirkanaa’uuf ta’us deebiin sirna biyya bulchaa turerraa argachaa turan rasaasa qofa ture. Erga gaafa Doktar Abiyyi gara aangootti dhufeen booda bilisummaan jiru hojii waggaa tokko keessatti ni milkaa’a jedhamee yaadamu akka hin taanes ni dubbatu.

Qaamotni yeroo ammaa Doktar Abiyyirratti duulaa jiran warra dhiiga ummataa dhuguu bare ta’uu kan himtu immoo shamarree Warqee Hayiluuti. Warri waggoota 27 darbaniif Oromoos ta’ee ummattoota biyyattii dhiitaa turan gara aangootti deebi’uuf jecha olola maqa balleessaa mootummaa ce’umsaa irratti gaggeessaa jiraachuu dubbatti.

Jijjiiramni amma biyyattiin keessa jiru fedha Doktar Abiyyii qofaan osoo hintaane qabsoo ummata bal’aatiin kan dhufe ta’uusaafi jijjiiramichi akka hingufanneefis kan dura dhaabbachuu qabu ummatuma waan ta’eef warreen cunqursaa birootiif qophaa’aa jiran abdii kutachuu akka qaban himti.

Qaamota jalqabarraa jijjiiramicha hinfeene qofa osoo hintaane, warreen dura “Abiyyi nabiyyi” jechaa turanis har’a isarratti duula eegaluusaaniitiin keessattuu ummanni Oromoo hundi cinaasaanii dhaabbachuu akka qabu gaafataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Bitootessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Doktar Abiyyi waggaa tokkotti dheebuu bilisummaa waggoota dhibbaa nu baaseera” -Jiraattota Magaalaa Amboo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *