Yunivarsiitiin Metropolitiyaanii Kotobee Afaan Oromoo barsiisuu eegaluufi

Finfinnee: Yunivarsiitiin Metropolitiyaanii Kotobee bara 2012 irraa kaasee Afaan Oromoo barsiisuuf qophii gochaa jiraachuu beeksise. Pirezidaantiin yunivarsiitichaa, Doktar Birhaanamasqal Xannaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, yunivarsitiinsaanii yeroodhaa yerootti hojmaatasaa jijjiiruufi fooyyessuun bu’aa qabeessummaasaa mirkaneessaa jira.

Keessumaa muummeewwan haaraa hawaasa biyyattii caalaatti fayyadan banuun barsiisuurratti argama. Muummeewwan Amaariffaafi Ingiliffaa kanaan dura turanirratti Muummeen Afaan Oromoo akka banamuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus eeranii, barumsa Afaan Oromoo bara dhufurraa eegalee sagantaalee idileefi alidileetiin kennamuuf sirni barnootaa qophaa’uusaas ibsaniiru.

Hangi simannaa yunivarsiitichaas yeroodhaa yerootti dabalaa jiraachuu himanii, baay’inni barattoota Afaan Oromoo marsaa jalqabaa fudhatamanii ammaaf kan hin murtoofneefi gara uulduratti karaa Ministeera Barnootaa kan ibsamu ta’uu dubbataniiru.

Afaan Oromoon afaanota biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti bal’inaan dubbataman keessaa isa tokko. Afaan bal’inaan dubbatamaa jiru kana yunivarsiitiiwwan Itoophiyaan qabdutti barsiisuun ammoo waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu ibsa Doktar Birhaanamasqal irraa hubatameera. Barumsi Afaan Oromoo ammaan tana yunivarsitiiwwan Oromiyaadhaan ala jiran Walloofi Baahirdaar dabalatee dhaabbilee barnoota olaanaa adda addaatti kennamaa jira.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

2 Comments to “Yunivarsiitiin Metropolitiyaanii Kotobee Afaan Oromoo barsiisuu eegaluufi”

  1. Pingback: recurve bow

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *