Oromiyaatti sagantaan dadammaqsa kaffaltii gibiraa boru jalqabama

Finfinnee: Oromiyaatti sagantaan dadammaqsa kaffaltii gibiraafi taaksii mataduree, “Dirqama koo nan bahadha, mirga koo nan gaafadha” jedhuun borurraa eegalee waggaa guutuuf kan adeemsifamu ta’uu Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ibse.

Daarektarri abbaa taayitichaa, Aadde Caaltuu Saanii ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin akkajedhanitti, sagantaan dadammaqsa kaffaltii gibiraafi taaksii boru sadarkaa naannichaatti bor eegalu hanga sadarkaa gadiitti waggaa guutuuf kan adeesifamu ta’a. Hubannoo hawaasni kaffaltii gibiraafi taaksii irratti qabu gabbisuufi kaffaltoota gibiraa dadammaqsuun kaayyoo guddaa sagantichaa ta’uu himaniiru.

 Mootummaan hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan kan raawwatu galii gibiraafi taaksii irraa sassaabamuun waan ta’eef kaffaltii gibiraafi taaksii sirriitti raawwachuun dirqama ta’uu kan himan Aadde Caaltuun, kaffaltoota gibira waliin dhahanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uus addeessaniiru.

Naannichatti bara bajataa kana galii mana qopheessaa irraa qarshii biiliyoona 3.5, galii idilee irraa ammoo qarshii biiliyoona 15 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, raawwii ji’oota ja’an darbaniitiin qarshii biiliyoona torbaafi miiliyoona 827.6 (%108) sassaabameera. Galiin gibiraafi taaksii sassaabames dinagdee naannichi sochoosu waliin yoo ilaalamu gahaa akka hintaane himaniiru.

 To’annaafi hordoffii kaffaltii gibiraafi taaksii irratti taasifamaa cimuun, kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuufi kiraan gamoo Oromiyaa keessa jiran kan duraan mootummaa federaalaatiif galii ta’aa ture barana Oromiyaaf akka galu taasisuun sababoota raawwiin karoorichaa akka milkaa’u taasisan keessaa isaan ijoodha jedhaniiru.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

9 Comments to “Oromiyaatti sagantaan dadammaqsa kaffaltii gibiraa boru jalqabama”

  1. Pingback: eduzz site oficial
  2. Pingback: dultogel
  3. Pingback: ผ้า
  4. Pingback: Ghost Guns No FFL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *