Miseensonni WBO dhiheenya simataman leenjii fudhachaa jiru

Finfinnee: Miseensonni WBO tibbana waamicha nageenyaa Abbootii Gadaa fudhanii Mooraa Loltummaa Xollaayitti argaman gaaffiilee addaddaa kaasaa turan. Erga mooricha seenanii koreen araaraa dhaqee daawwachuu dhabuusaa, bakki jiran garmalee waan ho’uuf iddoon akka jijjiiramuuf, haalli nyaataa akka sirratuufi leenjii dafanii eegaluu dhabuusaaniitiin komiisaanii nyaata lagachuun ibsachaa turaniiru.

Bu’uuruma kanaan koreen araaraa Sanbata darbe dhaqee kan isaan dubbise yoo ta’u, ergasii wantoonni sirrachuu qaban sirratanii Wiixatarraa eegalee leenjii fudhachaa akka jiraniidha miseensa WBO kan ta’e Falmataan Bariisaaf kan ibse.

Gaaffii bakka jijjiiraatiin walqabatee ka’eef korichi mootummaaf gaaffii dhi heessuusaafi amma wiirtuuleen leenjii hundi guutuu ta’uusaaniitiin bakki waan hijirreef fuulduratti kan ilaalamu ta’a jedhamee deebiin kan kennameef ta’uu eeree, miseensonnis kanuma fudhachuun leenjiisaanii tasgabbiin fudhataa akka jiran ibseera.

Gama nyaataatiinis miseensota dhukkubsataniif buddeenni akka kennamu taasifamuusaafi miseensota kaaniif garuu akkuma leenji’aa wiirtuu seene kamuu daabboon dhiyaachaa jiraachuu eereera. Dhimmi qulqullina nyaataas erga koreen isaan ilaalee booda sirrachuu addeessa.

 Dhimmi biraan mooraa keessatti akka walitti bu’iinsi ka’u kan taasisee ture koreen isaan daawwachuu dhufe seenuu dhabuusaa ta’uu kan dubbatu miseensi kun, kunis sababa xalayaan seensaa gara wiirtichaatti hinergamneef ta’uu isaaniif ibsamnaan battaluma dubbiin qabbanaa’uusaa dubbata.

Miseensonni kunniin raayyaa ittisa biyyaatiin otoo hintaane humna addaatiin eegamamaa jiraachuus Falmataan ibseera. Miseensonni kunniin dhimma Finfinneerratti murtii si’aayaan kennamuu qaba jechuunis yaada dhiyeessuusaanii eeree, kanaafis mootummaan ejjennoo cimaa akka qabu koreen isaanii ibsu dubbata.

Akka Falmataan jedhutti, amma haalli jiru gaarii yoo ta’u, dhimmoonni tokko tokko akka mooraadhaan alaa dubbatamanitti waan cimaa osoo hintaane gaaffiileedhuma muraasa eenyuyyuu dhiyeeffachuu danda’utu miseensootaan kanneen dhyaate. Miseensonni hundi yaaddoo egereen keenya maal ta’a jedhu waan qabaniif waadaan seename dafee akka raawwatamuufiif gaafateera.

 Ajajaa Ittaanaa Zoonii Lixaafi WBO Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa hoggganaa turee waamicha araaraa fudhachuun ummatatti kan makame Diinaraas gamasaatiin, miseensonni gaaffiilee eeraman kaasaa turuusaaniifi amma erga koreen deemee booda wantoonni baay’ee sirrachuu ibseera. Gaaffileen hundi al takkotti waan hindeebineef adeemsa keessa akka deebi’an ibsamuusaatiin amma tasgabbiidhaan leenjii eegaluusaanii ibsa.

 Inniifi miseensonni 30 Bishooftuutti leenjii fudhachaa jiraachuus eereera. Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaafi miseensi koree araaraa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoos, dubbiin akka alaa afarfamu osoo hintaane waan salphaa ta’uu kaasanii, gaaffiile dhiyaaterratti hanqinoota jiran ilaaluun akka sirreeffamu taasifamuu dubbatu.

Haaluma kanaan gaaffiileen dhimma nyaataa, wal’aansaafi leenjiitiin wajjin walqabatanii ka’aa turan hiikamuu ibsanii, jijjiirraa iddoo garuu fuulduratti bakki ilaalamee sirrata jedhan. Koreen yeroo araaraa dabalataa ammas gaafataa jiraachuu kan himan Abbbaan Gadaa, isa dura garuu hanqinootaafi rakkoolee simannaa marsaa duraatti mudatan irratti mootummaafi ABO waliin mariin taasifamaa jiraachuu eeru.

Bariisaa Bitootessa 13/201

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Miseensonni WBO dhiheenya simataman leenjii fudhachaa jiru”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *