Lakkaawwiin ummataafi manaa akka dheeratuuf yaadni murtii dhiyaate

TOI: Sababa walitti bu’insaan lammiileen hedduun qe’ee isaaniirraa godaanaan gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojiin hojjetame ga’aa waan hintaaneef lakkaawwiin ummataafi manaa akka dheeratuuf yaadni murtii dhiyaate. Komishiniin Lakkaawwii Ummataafi Manaa lakkaawwicha adeemsisuuf qophii godhame ilaaluun/qorachuun yaada murtii dabarseera.

Buqqaatonni dawoo yeroof qophaa’e keessatti argaman seera qabeessaan bakka turanitti hanga deebi’anitti lakkaawwicha adeemsisuuf yeroo dabalataa waan barbaachiseef akka dheeratuuf yaadni murtii dhiyaateera.

Komishinichi yaada murtichaa Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshiniif akka dhiyaatuuf sagalee caalmaan murteessuuusaa ibsi waajjira ministira muummeetii kenname ni agarsiisa.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Recommended For You

One Comment to “Lakkaawwiin ummataafi manaa akka dheeratuuf yaadni murtii dhiyaate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *