Gaazexaa Bariisaa sadarkaa umriisaatiin guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba

Finfinnee: Gaazexaan Bariisaa bara 1968 keessa namoota dhuunfaa guddina Afaan Oromootiif quuqama qabaniin dhoksaatiin maxxanfamee bahuu eegale. Bara 1969 irraa kaasee ammoo harka mootummaa waan galeef Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torbanitti guyyaa tokko, Jimaata maxxanfamee bahaa jira.

Gaazexaan kun umrii waggoota 42 qabu keessatti dhimmoota hawaas-dinagdeefi siyaasa ummata Oromoo, akkasumas kan biyyattiirratti xiyyeeffachuun odeeffannoowwan gara garaa dubbistootasaa biraan gahaa tureera; jiras.

Ta’us, sababoota addaddaarraa kan ka’e Gaazexaan Bariisaa seena qabeesi kun guddina ogbarruuafaaniifi aadaa Oromoo keessatti shoora olaanaa qabaachaa turus akka umriisaatti sadarkaa irra gahuu qabuun guddachuu hindandeenye.

Dhimmuma Gaazexaa Bariisaa kanarratti xiyyeeffachuun Kibxata darbe waltajjiin marii dhimmamtoota heddu hirmaachise tokko Finfinneetti taa’ameera.

Waltajjicharratti waraqaan qo’annoo imala Gaazexaan Bariisaa hundeeffama irraa kaasee hanga har’aatti irratti argamuufi kallattii fuulduree agarsiisuurratti xiyyeeffate kan dhiyaate yoo ta’u, namoonni jalqabarraa kaasaanii seenaa gaazexichaa gadifageenyaan beekan kanneen akka Doktar Diimaa Nagawoo, Leencoo Baatii, akkasumas gaazexeessitoonni hangafoonni Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee), Obbo Ibraahim Hajii Aliifaan argamuun yaadasaanii qoodaniiru.

Akka waraqaa qo’annoo dhiyaateetti, Gaazexaan Bariisaa bara 1967tti sochii namoota dhuunfaatiin maxxanfamee bahuu kan jalqabe ta’ullee bara 1969 harka mootummaa gale.

Gaazexichi hanga bara 1985tti qubee Saabaatiin qophaa’ee maxxanfamaa kan ture yoo ta’u, baatii Muddeebara 1985 irraa eegalee ammoo qubee ammaa kanaan fayyadamuun keessumaa seenaa, aadaafi duudhaa ummata Oromoo guddisuurratti xiyyeeffachuun maxxanfamaa jira. Gaazexaa Bariisaa umriin walakkaa jaarraa tokkoo lakkoofsisus hanga barbaadamee guddachuu kan hindandeenye yoo ta’u, kunis dhiibbaa sirnootni darban guddina Afaan Oromoofi dhimmoota Oromoodhaan walqabatanirratti qaqqabsiisaa turan ifatti kan mul’isuudha.

Wayita ammaa garuu jijjiiramootni biyyattiittis ta’e akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti mul’acha jiran onnachiisoo waan ta’aniif sadarkaa miidiyaaleen maxxansaa guguddoon biyyoota alaa irra gahaniin gahuun murteessaa ta’uun itti amanamee hojjetamaa jira.

Kanaafis hundarra qabiyyee, raabsaafi baay’ina habbaa (kooppii) Gaazexaa Bariisaa fooyyessuun murteessaa waan ta’eef dhimmamtoonni waltajjicharratti argaman miira quuqamaafi aantummaatiin haala gaazexicha guddisuufi fooyessuun danda’amurratti yaadota ijaaroofi ciccimoo hedduu dhiyeessaniiru. Obbo Leencoo Baatii hoggantoota paartiilee siyaasaa waltajjicharratti hirmaatan keessaa tokko yoo ta’an,

 Gaazexaan Bariisaa hanga barbaadamu ta’uu baatus durirraa jalqabee miidiyaa maxxansaa Oromoo qofa galeessaafi hangafa ta’ee tajaajilaa turuusaa dubbatu. Guddinaan garuu umriisaa wajjin yoo madaalame sadarkaa miidiyaaleen maxxansaa irra gahanirraa fagoo akka jiru dubbatu. Kana booda Gaazexaan Bariisaa barbaadamee akka dubbafamuuf hayyoonni gaheesaanii bahachuun barbaachisaa ta’uus ni eeru.

Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas gaazexichi sagalee tarkaanfataa qabatee akka bahuuf caalaatti hawaasa waliin hojjechuu akka qabu yaadachiisan. Qabiyyee gaazexichaa fooyyessuuf ogeessota ga’umsaafi muuxannoo olaanaa qaban fayyadamuun murteessaadha jedhanii, Bariisaan sadarkaa federaalaatti qophaa’ee maxxanfamaa waan jiruuf guutummaa biyyattiifi biyyoota ollaattillee akka raabsamuuf hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Korporeeshinii Birodikaastiingii Itoophiyaarraa, Obbo Qana’aa Lammii akka jedhanitti, dhimmi Gaazexaa Bariisaa seenaa guddina Afaan Oromoo wajjin walqabata. Hanga ammaatti sadarkaan guddinasaa gadaanaa waan ta’eef, jijjiiruun gaaffii keessa galuu hinqabu. Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa formaatiifi qabiyyee gaazexichaa fooyyessuu qaba.

Gaazexichi qeeqni kitaabilee ykn yaada hayyootaa, waa’ee gootota Oromoofi qophiilee bashannanaa qabachuu qaba. Raabsi Gaazexaa Bariisaa hanqina guddaa waan qabuuf fuulduratti manneen barnootaa, dhaabbilee barnoota olaanaa, manneen kitaabaa ummataa, hoteelotaafi waajjiraalee mootummaafi mitmootummaa hunda maamila ofii godhachuun murteessaadha.

Gulaalaa ittaanaan duraanii Gaazexaa Bariisaa Obbo Mokonnon Birruu gamasaaniin akka jedhanitti, gaazexichi durirraa kaasee seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo calaqqisiisuurra darbee dhimmoota hawaas-dinagdeefi siyaasa Oromoorratti odeeffannoo kennaa tureera. Umrii qabu waliin garuu kan hinguddanne waan ta’eef, qabiyyeefi raabsasaa fooyyessuun murteessaadha.

 Dhaabbatichis gaazexicharraa fayyadamuuf naannolee hundarraa maamila horachuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qaba. Miseensi boordii Waldaa Barreeessitoota Itoophiyaa, Obbo Masqaluu Baalchaas sadarkaa guddina Gaazexaa Bariisaa fooyyessuuf aadaa dubbisuu hawaasa bal’aa gabbisuun murteessaa ta’uu dubbatan.

Kana gochuufis Dhaabbanni Piresii Itoophiyaa, Biiroo Barnoota Oromiyaafi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa wajjin hojjechuu akka qabu gorsan. Dubbistoota gaazexichaa kakaasuufis tooftaalee addaddaa fayyadamanii kutaalee hawaasaa gaazexicha dubbisuu jaalatan uumuunis akka barbaachu eeran.

Gaggeessaan hojii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa, Obbo Geetinnat Taaddasaa akka dubbatanitti, dhaabbatichi qabiyyeefi qaqqabummaa bu’aalee maxxansaasaa fooyyessuuf riifoormii keessa galeera. Dhimmamtoota wajjinis mari’ataa jira. Riiformiin Gaazexaa Addis Zamanirratti eegalame bu’aa qabeessa waan ta’eef Gaazexaa Bariisaa dabalatee bu’aalee maxxansaasaa biroorrattis ittifufa.

Gaazexaa Bariisaarrattis waliigalaan riifoormii taasisuuf dhaabbtichi kutannoodhaan hojjechaa waan jiruuf hayyootni, barreessitootniifi qaamoleen dhimmi ilaallatu marti qoodasaanii bahachuu akka qaban yaadachiisan. Walittiqabaan Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa, Obbo Kaasahuun Gofee gamasaaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi,

 ololaafi fedhii dhaaba siyaasaa tokko qofarratti xiyyeeffatee socho’aa waan tureef bu’aaleen maxxansaasaa hawaasa biratti hangas barbaadamaa hinturre. Ammaan tana garuu caasaasaa dabalatee qabiyyee, qaqqabummaafi raabsa gaazexootasaarratti rifoormiin taasifamaa jira.

Gaazexaan Bariisaa, gaazexaa tokkummaa ummata Oromoo caalaatti cimsu, Oromoon irratti dubbatuufi seenaa, aadaafi duudhaasaa sirriitti irratti calaqqisiifatu gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba. Gaazexaa Bariisaa ammaan tana habbaa kuma sagaliifi 200n maxxanfamaa jiru torbanitti al sadii ykn lama gochuuf yaadameera. Kanaafis hirmaannaan ummataafi hayyootaa daran guddachuu qaba.

Bariisaa bitootessaa 13/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to “Gaazexaa Bariisaa sadarkaa umriisaatiin guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba”

  1. Pingback: disposable vape
  2. Pingback: burn-out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *