Abbaan taayitichaa godinaalee shanitti ijaarsa pirojektota daandii jalqabsiisuuf

Finfinnee: Hawaasni tajaajila geejjibaa argachuu, yoo dhukkubsate dafee mana yaalaa deemuu, omishasaa gabaaf dhiyeessuu, yeroofi humnasaa qusachuun salphaatti bakka barbaade gahuu kan danda’u daandiin yoo jiraateedha. Rakkoon daandii gaaffii hawaasni waggoota dheeraaf gaafachaa tureefi jiruudha.

Ijaarsi pirojektota daandii duubatti harkifachuunis hawaasa biratti komii guddaa uumeera. Daandiin bu’uura misooma waan hundaa waan ta’eef rakkoo gama kanaan jiru furuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.

 Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaas rakkoo daandii naannichaa furuuf dheengadda pirojektota daandii ja’aafi riqichoota lama godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Buunoo Beddelleefi Arsii Lixaatti jalqabsiisuuf kontiraaktarootaafi gorsitoota wajjin waliigaltee mallateesseera.

Pirojektonni kunneen waliigalaan kiiloomeetira 200 ol yoo ta’an, qarshii biiliyoona biliyoona 3.1n waggaa sadii keessatti hojjetamanii kan xumuraman ta’uu abbaan taayitichaa ibseera. Daarektarri abbaa taayitichaa, Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa sirna walharkaa fuudhiinsa ijaarsa pirojektota daandiiwwanii Kibxata darbe kontiraaktaroota waliin taasisan irratti akka jedhanitti, ijaarsi pirojektota daandiiwwan kiilomeetira dheeraa ta’anii kontiraaktaroota adda addaatiif kukkutamee akka kennamu ta’eera.

Kunis ijaarsa pirojektotaa si’eessuufi humna kontiraaktarootaa cimsuuf kan gargaarudha. Ijaarsi pirojektota kunneenii rakkoo daandii hawwaasni waggoota dheeraaf kaasaa ture waan furuuf yeroo qabameef keessatti akka xumuramaniif abbaan taayitichaa deggersa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uus himanii, kontiraaktaroota duubatti harkifatan irratti taarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Daarektarri ittaanaan abbaa taayitichaa, Obbo Addunyaa Namarraa gama isaaniitiin akka jedhanitti, kontiraaktaroonni kunneen torban dhufu bulchitoota aanaalee, godinaaleefi hawaasa wajjin walarganii kallattumaan gara hojiitti akka galan taasifama.

Kontiraaktaroota hojiisaanii yeroo qabameef keessatti ykn dursanii xumuraniif beekamtiin ni kennama. Kontiraakteroonni gama isaaniitiin akka jedhanitti, ijaarsa pirojektota daandiiwwan fudhatanii akkaataa waliigaltee isaaniitti yeroo qabameefi qulqullina barbaachisuun hojjetanii xumuruuf waadaa galaniiru.

Bariisaa Bitootessa 13/2011

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Abbaan taayitichaa godinaalee shanitti ijaarsa pirojektota daandii jalqabsiisuuf”

  1. Pingback: phim sex
  2. Pingback: fifa55cash

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *