“Paartiin siyaasaa har’a hinamanamne boru mootummaa ta’ee amanamuu hindanda’u”


  • Doktar Abiyyi Ahmad

TOI: Sanadiin waadaan itti galame Itoophiyaa hamaarraa kan oolchuufi kan ceesisu ta’uunsaa mirkanaa’uu akka qabu ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahmad dubbatan.
Ministirri muummee kana kan dubbatan sirna mallattoo waadaa hojmaataa paartiilee siyaasaa hoteela Hiiltanitti qophaa’errattidha.


Ministirri muummee haasawasaanii keessatti paartileen hundi ummata, biyyaa fi ofiif amanamanii hojiiwwan carraa Itoophiyaa egeree biyyattii ijaaran tokkummaa biyyaarratti ammumaa kaasee hojjechuu fi shaakaluun akka barbaachisu eeranii, ”paariin siyaasaa har’a hin amanamne boru mootummaa yoo ta’e amanamuu hin danda’u” jechuun ergaa cimaa dabarsniiru.


Sanadiin waadaa har’a mallattoodhaan ragga’e walii galteewwan kanaan duraa caalaa kanneen biyyaa baqatan, hidhamaniifi bilisummaa ha’raatiif addaduree ta’anii aarsaa kafalan hunda kan hirmaachise waan ta’eef adda isa taasisa jedhaniiru.


Kanaaf sanadiin kun paartiin hundi keessasaatti kan amanuufi kan hojjetu kanarra darbees nama waan hundarraa bilisa ta’ee ilaaluufi ija dhalootaatiin yoo ilaalamu kan nama hinsaalfachiifneefi kan nama boonsu ta’uu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.


Ministirri muummee “haalli amma keessa jirru bilisummaan kan guutee irra darbe, darbee darbees qaamoleen lafumaa ka’anii akka waan mootummaa ta’aniitti of ilaalan, bilisummaan kan jiru malee waanti hir’ate hin jiru” kan jedhan yoo ta’u, bilisummaa arganne sirnaan itti fayyadamnee faayidaa nama hundaatiif oolchinee obboloota keenya Afriikaanota hafaniif fakkeenya ta’uu qabna jedhaniiru.
“Paartiileen Oromiyaa, Tigraayi, Amaaraafi aanaalee naannolee biraa jiraattan ilaalcha naannoon yookaan aanaan kun keenya qofa jedhu of keessaa baaftanii hunda waliin jiraachuu qabdu” jechuun waamicha dhiheessaniiru.


Keessumaa dubbiiwwan ummata walitti buusan irratti ofeeggannoo guddaa taasisuu qabdu kan jedhan ministirri muummee, kasaaraan sanyiifi kanneen birootiin qoqooduun geessifnu biyyas kan miidhu ta’uu yaannee obsaafi waldanda’uun waliin hojjechuun akka fayyadu ibsaniiru.


Ministirri muummee itti fufuudhaan miseensi ADWUI jiddu galeessarraa amma aanaatti jirus paartiin kamiyyuu yaadasaa bilisa ta’ee akka ibsatuu fi deeggartootasaa akka mariisisu yoo danda’e deeggarsa akka taasisuuf, yoo hin dandeenye garuu gufachiisuurraa of qusatee akka deeggaru waamicha dhiheessaniiru.


Miidiyaaleenis keessumaa qabeenya ummataatiin kan sochootan paartii biyya bulchu dabalatee paartilee hunda wal qixa, garuummoo ofeeggannoodhaan keessummeessuu qabdu jedhaniiru.
Paartileen siyaasaa qabeenya maddisaa hin beekamne fiduudhaan kaayyoo barbaadaniif oolchan jiraachuusaanii kan dubbatan ministirri muummee, wantoota faayidaa qaban hedduu hojjechuu osoo barbaadanii kan harki gabaabbate akka jiranis himaniiru.


Kana walitti dhiheessuuf paartileen “ adda facaatanii osoo hin ta’iin walitti dhuftanii hojjechuu qabdu, paartileen qabeenya maddisaa hin beekamne argattanis badiif osoo hin ta’iin misoomaaf akka oolchitan mootummaan waan isarraa eegamu ni hojjeta” jedhaniiru.
Paartiilee siyaasaa gurmaa’anii socho’aniif mootummaan deeggarsa taasisuu akka danda’us eeraniiru.

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

10 Comments to ““Paartiin siyaasaa har’a hinamanamne boru mootummaa ta’ee amanamuu hindanda’u””

  1. Pingback: More Bonuses
  2. Link pyramid, tier 1, tier 2, tier 3
    Top – 500 hyperlinks with placement inside pieces on content platforms

    Middle – 3000 link Forwarded links

    Tier 3 – 20000 links mix, remarks, articles

    Using a link network is helpful for web crawlers.

    Necessitate:

    One hyperlink to the site.

    Search Terms.

    Accurate when 1 keyword from the page subject.

    Remark the additional offering!

    Important! Primary connections do not overlap with 2nd and Tier 3-rank connections

    A link structure is a tool for boosting the circulation and backlink portfolio of a online platform or virtual network

  3. Если кто ищет место, где можно выгодно купить раковины и ванны, рекомендую один интернет-магазин, который недавно открыл для себя. Они предлагают большой выбор сантехники и аксессуаров для ванной комнаты. Ассортимент включает различные модели, так что можно подобрать под любой стиль и размер помещения.

    Мне нужно было купить раковину в ванную в москве , и они предложили несколько отличных вариантов. Цены приятно удивили, а качество товаров на высшем уровне. Также понравилось, что они предлагают услуги профессиональной установки. Доставка была быстрой, и всё прошло гладко. Теперь моя ванная комната выглядит просто великолепно!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *