“Oromoon, Oromoo masaraa galchee rafuuf qofa miti kan qabsaa’e”


– Barreessituufi Qabsooftuu mirga namoomaa Seenaa Jimjimoo

Finfinnee: Qabsoo yeroo dheeraa booda jijjiiramni akka biyyaatti dhufullee ammayyuu gaaffiileen Oromoo hedduu akka hindeebine Barreessituufi Qabsooftuun Mirga Namummaa, Seenaa Godaanaa Duulaa Jimjimoo Gaazexsaa Bariisaatiif ibsite.

“Jijjiramoonni mul’atan ni jiru. Fakkeenyaaf ani yommuun waggaa lama dura dhufe dhokadheen namoota kanneen akka Obbo Baqqalaa Garbaafaa argaa ture, amma garuu bakkan barbaadetti sodaa tokko maleen argmaa jira. Oromummaa keenyaan gadaantummaan nutti dhaga’amaa ture, amma garuu ani Oromoodha jettee afaan guuttee yoo dubbatte itti hinqaanooftu.

 Warri biyya bulchaa jiru warra keenya; kanas addunyaan agarteetti. Itoophiyaanis yeroo jalqabaatiif kana amanuuf dirqamteetti. Biyyattiin Oromoon bareedaa, beekaa, garaa laafessa amma sirriitti hubatteetti” jetti.

Oromoon, Oromoo masaraa galchuuf qofa miti kan qabsaa’e kan jettu Seenaan, gaafii lafaa, afaanii, eenyummaa, waa’ee Finfinnee, buqqa’iinsaa, Oromiyaarratti ofiin murteessuufi kkf hedduu gaafachuu kaasti.

“Gaaffiileen kunneen ammayyuu hindeebine. Bor bor utuu jennuu waggaa guutuuf jenna. Bor bor utuu jennuu warri kaleessa adabaan jiraatan har’a nurratti faarfamuu eegalaa jiru. Kan Oromoo fixetu faarfamee madaa Oromoo hinqoorrerratti soogidda dibaa jira” jechuun dubbatti.

Oromoon kumni shan kan du’e waa’ee maastar pilaanii Finfinneerratti ta’uu kan yaadattu barreessituun tun, har’a deebisanii lafa Oromoo qaama biraatiif kennuun sirrii akka hintaaneefi waa’ee Finfinneerratti afaaniin dubbachuu malee heerri hojiitti hiikamne akka hinjirre ibsiteetti.

Akka Seenaan jettetti, Oromoon duris Finfinnee gabbaraafi gabbisaa ture malee waa irraa hinarganne; har’as isumatu ta’aa jira.  Qonnaan bulaan keenya humnaanis, gowwamsaadhaanis lafasaarraa buqqa’aa tureera; ammas jira. Erga Oromoon bulchaa jiraate Oromoof dubbachuu danda’uu qaba.

Inni biraa, waa’en Afaan Oromoo afaan hojii fedeeraalaa gochuun hamma kana harkifachuu akka irra hinturre eertee, “Ammayyuu mgaalonni Oromiyaa maqaa Oromoon moggaaseefiin waamamaa akka hinjirre taajjabuushii dubbatti.

“Oromoon kabajasaatiif du’us ammayyuu kabaja isa gitu hinarganne. Gaaffiileen kunneen otoo hindeebi’iin turuun eenyummaa gaggeessitootaa nu shakkisiisa. Abiyyiifi Lammaa waantota lamaaf daran jaalanna. Inni duraa keenya waan ta’aniif. Inni lammataammoo waantota nuti irratti du’aa turrerratti xiyyeeffataniif waan hojjetaniifi.

Biyya kanarra darbee gaanfa Afrikaayyuu bulchuu danda’u. Amma garuu of duuba deebi’aa waan jiran fakkaata. Jara kanaaf ergaan dhaamuu yoo tooftaan jiraate tooftaa kana Oromoof fayyadamaa” jechuun ergaashee dabarsiteetti.

“Dhaamsin Oromoof qabummoo sadarkaa sadarkaadhaan akka ijaaramaniidha. Yoo ijaaramne, mari’achaa, gaafiin keenya qulqullaa’aa, fedhiin keenya adda ba’aa, diinni keenya saaxilamaa, sagaleen keenya tokko ta’aa deema. Kanaaf gurmaa’uun murteessaadha”.

Qeerroof ammoo, “Inni biraa qeerroon keenya safuufi aadaa keenya cimsee itti fufsiisuu qaba. Warra maqaasaatiin hatan, jeeqaniifi saaman saaxiluu qaba; keessatti hirmaachuurraas of qusachuu qaba. Waantota hunda tasgabbiidhaan ilaalaa itti adeemuu barbaachisa; kana jechuun garuu gaaffii gaafachuu dhiisuu miti” jechuun ergaa dabarsiteetti.

Guutuummaa gaafdeebii Seenaan Gaazexaa Bariisaa taasistee torban kan dhihaatu ta’a.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011


Recommended For You

4 Comments to ““Oromoon, Oromoo masaraa galchee rafuuf qofa miti kan qabsaa’e””

  1. Pingback: rove cartridges
  2. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *