Diinshootti qarshiin miiliyoona 160 qisaasameef qaamni gaafatamu hinargamne



-Dhaabbatichi Diinshoorraa Tumsaatti erga geeddaramee kaappitaallisaa dachaan dabaleera

Finfinnee: Dhaabbanni qabeenya ODPn gaafa qabsoo hidhannoo keessa ture horateen akka hundeeffame himamu Diinshoon, hojiilee hawaas-dinagdee mootummaadhaan raawwatamuu hindandeenyerratti hirmaachuu kaayyeffatee hundeeffame. Keessumaa misoomaafi kunuunsa naannawaa, waliinga’iinsa bishaan dhugaatii baadiyyaa mirkaneessuu, dagaagina Afaan Oromoofi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu akka hojii ijootti qabatee hundaa’e.

Kaayyoofi maqaansaa guddaa ta’us, hojii qabatamaan inni lafarratti galmeessee garuu ifee hinmul’atu. Hamiifi komii malee galanni ummanni dhaabbata Diinshootiif galchuus hindhageenye. Qabeenyi dhaabbatichaa qarshiin miiliyoona 160 qisaasamus sababa hojmaata tureen garuu hanga ammaatti qaamni ittigaafatamu hinargamne.

Hojmaatni dhaabbatichi itti hojjataa ture sirrii ta’uu dhabuurra maallaqni yoom akka bahuufi eenyuun akka bahu ifatti taa’uu dhabuun, rakkoon dandeettii raawwachiistummaa, kaayyoofi manii ifa ta’e dhabuun, hanqinni beekumsaafi hubannoon gaggeessummaa daldalaa, hordoffiifi to’annoon dhabamuuniifi ilaalchi sassaabdummaa kiraa bal’inaan jiraachuun qaama ittigaafatamu adda baasuuf sababoota cimsan ta’uu Dhaabbata Tumsaa Indowumentiitti Ittigaafatamaan Bulchiinsa Faayinaansii, Obbo Fiqruu Jireenyaa ni dubbatu.

Yeroo ammaa badii kana dura ture caalaa karooraafi hojii gara fuula duraarratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jiraachuufi hanqinootni bara Diinshoo ture sun Tumsaa keessatti akka hindabalamneef mul’ataafi kaayyoo ifa ta’e baafamee hojiin lafarratti mul’atu hojjatamaa jiraachuus ni ibsu.

Akka ibsa Obbo Fiqruutti; Diinshoon diigamee Tumsaan erga hundaa’ee booda pirojektotni guguddoon 16 qoratamaniiru. Dameen Indaastirii, qophii omisha qonnaa, tajaajilaafi albuudaa immoo dameewwan guguddoo xiyyeeffannaa pirojektotaati. Kaappitaalli dhaabbatichaa bara 2004tti qarshii miiliyoona 160.5 ture bara 2010tti gara miiliyoona 358.2tti guddateera.

Maallaqni Diinshoon qisaaseesseef qaamni ittigaafatamummaa fudhatu akka argamuuf tattaaffii mootummaan taasisaa jiru laafaa ta’uu kan himan immoo dhaabbatichatti ittigaafatamaan Karooraafi Hordoffii Obbo Waqshuum Likkaasaati. Isaanis qabeenyi bade kan ummataa waan ta’eef eenyu akka baleesseefi eessatti akka bade qoratamee ummataaf dhihaachuu akka qabu ibsu.

Diinshoon bara 1988 tti hundaa’uunsaa kan yaadatamu yoo ta’u, maallaqa qisaaseesseef eenyu ittigaafatamuu akka qabus hordofnee kan dhiheessinu ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

4 Comments to “Diinshootti qarshiin miiliyoona 160 qisaasameef qaamni gaafatamu hinargamne”

  1. Pingback: go88 tài xỉu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *