Oromoo saba bal’aa ta’e kana walirratti kakaaftee diina walii taasifte. Tokkummaasaa diiguudhaan irratti of tuultee gadi qabdee mataarra teesse. Kabaja namummaa uumamaan argate dhorkatte, kumaatama ajjeeftee, kumaatama qaama hir’uu gootee beektota ija sabaa biyyaa ariite.
Hooggantoota dhaabbilee siyaasaa Oromoo sababa ilaalcha ummatummaa qabaataniif qofa mana hidhaatti guurtee gidirsite. Dhibbaan kan lakkaa’aman ammayyuu achi buuteen isaanii hin baramne, maatiin du’aafi jiruusaanii walallaalee yeroo hunda booyichaan jiraachuuf dirqame.
Barataan baruumsa dhabe, haati daa’ima mana barnootaatti ergatte yeroo mara naasuu jalaa bahuu dadhabde. Dubartiin ulfaa kabaja dhabdee humna tikaatiin dhiitamtee osoo jiini hin ga’in deesse. Haadhatu ilmashii poolisiin ajjeefameef boonnaan reeffa daa’imashii irra dirqiidhaan akka teessu taasifamee hamilee namummaa mulqame.
Oromoon gabrummaadhaaf haaraa ta’uu baatus akka waggoota afran darbaniitti gabrummaa xireeffatee jibbee hin beeku. Kanaaf tokko akka sabaatti jaarraa tokkoo oliif diiggamee ture deebifatee warra humnaan isa cunqursaa turetti bowwuu ta’e.
Kun immoo, Oromoon ni muge malee kan hin rafne ta’uu, wal gaarreeffate malee tokkummaansaa kan hin diigamne ta’uufi ni obse malee sodaa kan hin beekne ta’uu firaaf alatti agarsiise.
Warri dur Oromoo walirratti kakaasuudhaan addaan hiranii isa dhiitaa turan immoo har’a waan argaa jiran amanuu dadhabanii dhaabbitti abjoochaa jiru. Warri waggaa 27 darbaniif sabicha dhiitaa turanis ta’e kanneen jaarraa tokkoo oliif isa dararaa turan tokkummaafi injifannoo Oromoon galmeessaa jirutti walumaan nahanii gadda taa’utti jiru.
Seenaa Itoophiyaa keessatti masara mootummaa biyyattiitti afaan Oromoo dubbatame, Oromoonis yeroo jalqabaatiif abbootii Gadaatiin durfamee dhimmasaa irratti achitti mari’achuuf carraa kan argate amma. Waggootni sabichi gabrummaa jala ture baay’achuusaarraa kan ka’e garuu gaaffiin ummatichi qabus akkasuma dheeraadha.
Gidiraa kana hunda booda Oromoon qabsoo hadhaa’aa taasiseen Oromoon aangoo qabaate. Aangoon kun amma kunoo waggaa tokko guutuuf deema. Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaafi Finfinnee taasisuuniifi dhimmi abbaa biyyummaa Finfinnee immoo hangafoota gaaffiiwwan hundaati.
Haa ta’uu malee gaaffiin lafaafi dhimmi abbaa biyyummaa Finfinnees achuma jira. Dubbiin lafaa kun cal jedhamuu isaatiin har’a kunoo kondominiyeemii dhiiga qotee bulaa irratti sanuu daangaa Finfinneetiin ala Oromiyaa keessatti ijaarameef carraa buusaan.
Finfineen hindaangeffamne. Faayidaa addaa jedhamee wanti waggaa 25 dura heera Mootummaarratti barreeffames hojiirra hinoolle Gaaffiin Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa akka ta’uuf dubbatamaa tures achuma jira. Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa ta’uu miti, afaan hojii magaalaa Finfinnee hintaane. Magaalaa guddoo Oromiyaa keessatti afaan hojii afaan Amaaraa qofa ta’ee akkuma itti fufetti jira.
Dhimma afaan Oromoo afaan hojii federaalaatiin wal qabatee garuu sochiin dhiheenya kana eegalame waan jajjabeeffamuudha.
Dhimmi inni guddaaniifi yeroo ammaatti furmaata waaraa barbaadu garuu dhimma daangaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneefi dhimma abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnerratti kaasaa jiruudha.
Jalqabarratti wantoota heerriifi seerri biyyattii ifatti kaa’u dafanii hojiitti hiikamuu dhabuu isaaniitiin jeequmsaafi walitti bu’iinsa dhimma kanarratti uumamaa jiruuf kan itti gaafatamu mootummaa ta’uu qaba. Sababnisaas dirqamoota mootummaa keessaa inni guddaan waan heerri biyyattii eeru hojitti hiikuu waan ta’eefi.
Bakka qaamni mootummaa waan seeraafi heeraan mirkanaa’e hojitti hiikuu dadhabetti immoo ummatichi filannoo biraa barbaaduun waan hin oolledha. Sababnisaas Finfinneen hundeeffamaa ishee irraa kaatee Oromoo miidhaa guddatte.
Oromoo Finfinnee malee, Finfinnee Oromoo malee yaaduun tasumaa waan yaadamu hinfakkaatu. Handhuura Oromiyaa kan taate Finfinnee Oromorraa adda kutuu yaaduun immoo Oromiyaa diiguuf yaaduu akka ta’e eenyuufuu ifaadha.
Deebii seerri isaaf eyyamu mootummaan isaaf deebisuu dinnaan ummanni ofiisaatiif waan seerri isaaf eyyamu deeffachutti gaafa galu immoo komiin qaamota garaa garaa irraa dhagahamuunsaas waanuma eeggamuudha.
Walumaagalatti, giddugala qabsoo Oromoo kan ta’e dhimmi abbaa biyyummaa Finfinnee yeroo gabaabaa keessatti akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Kanaafis heeraafi seera biyyaa bu’uura taasifachuudhaan dhimma kanaaf furmaata waaraa kennuun Oromoo qofaaf osoo hintaane, nageenyaafi tokkummaa biyyaatiif murteessaadha.
BayyanaaIbraahimiin
Bariisaa Bitootessa 6/2011
5 Comments to “Dhimma Finfinneetiif furmaata kennuun nageenyaaf wabiidha”