“Biyyootni Afrikaa Bahaa rakkoolee isaanii ofumaan furachuu qabu” -Doktar Geetaachoo Kaasaa

Biyyootni Afrikaa Bahaa osoo sirna koloniitiin gargar hinfaffaca’iin dura akka ummata tokkootti qabeenya uumamaa, aadaa, afaaniifi duudhaa qaban  waliin qooddachuun jiraachaa akka turan ragaaleen seenaani ibsu.

Yunivarsiitii Finfinneetti Doktar Geetaachoo Kaasaa qorataa seenaafi antiropoloojiiti. Jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyoota Afrikaa Bahaatti mul’achaa jiran ilaalchisee tibbana gaafdeebii Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti,    Awurooppaanotni otoo ardii Afrikaa qoqqooddachuun hinkoloneeffatiin dura ummattootni Afrikaa Bahaa akka ummata tokkootti waliin jiraachaa turan.

Koloneeffattootni Awuroopppaa ardittii erga of jala galchanii booda garuu, walitti bu’iinsi sabummaa, aadaa, amantiifi daangaa daran hammaachuun ummattoota jaarraa hedduuf tokkummaan waliin jiraachaa turan gidduutti hadhaawaa salphaatti baduu hindandeenye uumeera jedhu.

Kana furuuf ammoo sirnoota darban keessa tattaaffiin garagaraa taasifamuyyuu fedhii humnootni alaa (Ameerikaa Kaabaa, Saawudii Arabiyaa, Faransaayi, Chaayinaa, Iraan, Misir, Turkiifi Qaataar) keessumaa wiirtuu daldala gaanfa Afrikaa kan ta’an  buufata Galaana Diimaafi galoo Galaana Edan to’achuuf qaban olaanaa waan ta’eef milkaa’uu akka hindandeenye eeraniiru.

Walitti bu’iinsi Itoophiyaafi Eertiraa waggoota dheeraaf ture erga furmaata argachuu eegalee garuu haala ajaa’ibsiisaa ta’een  jijjiiramootni siyaas-dinagdee qabatamaan mul’ataniiruu jedhu. Ta’us, fedhiin biyyoota Arabaafi dureeyyii ammallee kan duraan  tureen olitti dabalaa waan jiruuf guutummaan guutuutti nageenya waaraa mirkaneessuun tooftaafi bilchina siyaasaa kan gaafatu ta’uus ibsaniiru.

Akka ibsa Doktar Geetaachootti, walitti bu’iinsi Itiyoo-Eertiraa fedhii, ciminaafi bilchina siyaasaa gaggeessitoota biyyoota lameeniin furamuu eegaluunsaa hundarra biyyoota Afrikaa Bahaaf boqonnaa haaraa kan baneedha. Kunis Afrikaanotni rakkoolee hawaas-dinagdeefi siyaasaa isaan mudachaa tureefi jiru furachuuf dandeettii, beekumsaafi muuxannoo qabaachuusaanii kan agarsiisu waan ta’eef, kan jajjabeeffamuufi jajamuu qabuudha jedhan.

Walitti bu’iinsi Itoophiyaafi Eertiraa furamuunsaa kan bu’uuraa ta’us fedhiin biyyoota alaa garuu adeemsa keessa dhiibbaa uumuunsaa waan hafu miti. Kunimmoo waliin jireenya ummattootaa, sirna daldalaafi nageenyaarratti  yaaddoo guddaa ta’ee kan itti fufu ta’uu kaasu.

Kanaaf biyyootni Afrikaa Bahaa fedhiin humnoota alaa haalaan jiraachuu beekanii dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaarratti qaama sadaffaa malee ofumaan furachuu akka qaban gorsu. Kana waliinis dippilomaasii bilchina qabu hojiirra oolchuufi dhimmoota waloorratti afaan tokkoon deebii kennuufi murteessuun hundarra murteessaa ta’uusaa yaadachiisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

  (Suurri Hadush Abrahaatiin)

Bariisaa Bitootessa 6/2011

Recommended For You

One Comment to ““Biyyootni Afrikaa Bahaa rakkoolee isaanii ofumaan furachuu qabu” -Doktar Geetaachoo Kaasaa”

  1. Pingback: more

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *