Amboo: Hayyoonni Doktar Biraanamasqal Abbabaa Sanyiifi Doktar Milkeessaa Miidhagaa jedhaman, Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e faayidaalee ijoodha jedhan tarreessaniiru.
Qabxiilee 25 isaan tarreessan keessaas mirga alloogummaa, mirga namtokkee, walqixxummaa garee, beekamtii siyaasaa, mallattoo eenyummaa, baay’ina ummataa, walqixxummaa gibiraa, dogoggora seenaa afaanii sirreessuu, qoqqooddii aangoo, waliigalteefi tokkummaa biyyaalessaa cimsuufi.
Akkasumas afaan miidiyaa, afaan mana yaalaa, hirmaannaa siyaasaa, afaan aadaa baata, qabeenya ummataa, qubsuma ummataa, faayidaa ummata biroof qabu, afaan mana murtii, balbala hojii, daandii soorummaa, teessuma Mootummaa Federaalaafi muuxannoo addunyaati jechuun tarreessan.
Dhimmuma kanaa walqabatee simpoziyamiin mataduree, “Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuun faayidaa/ carraa uumu” jedhuun walta’iinsa Biiroo Aadaafi Turizimiifi Yunivarsitii Ambootiin qophaa’e torban har’aafi boruu galma Yunivarsitii Ambootti geggeeffameera.
Simpoziyamicharratti haasawaa kan taasisan sadarkaa pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti waltaasisaan damee misooma baadiyyaa, Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, Afaan Oromoo Afaan Amaariffa wajjin afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e biyya kana keessatti boqonnaa haaraan ni uumama.
Afaanichi afaan hojii mootummaa federaalaa yoo ta’e tokkummaa biyyaalessaa ni cimsa, biyyaa ijaaramuuf deemtuuf boqonnaa haaraa uuma. Sabaafi sablammiileen biyya kanaa afaanichatti fayyadamaa waan jiraniif caalaatti walitti dhufeenyasaanii cimsa jedhan.
Afaan Oromoo afaan hojii Mootummaa Federaalaa gochuun bu’uura ummanni Oromoo waggoota kumaatamaan lakkaa’amaniif keessatti sirnoota Gadaatiin, guddifachaatiin, ammachiisaatiin afaanicha bal’isaa ture faana afaan kamuu biyya kana keessa jiru caalaa afaan saboonni biroofi naannoleen biroo ittifayyadaman gochuuf dhimmi hojii guddaa kan nu gaafatu miti. Hojii ummanni Oromoo hanga ammaatti raawwateen karaa walakkaa ol deemameera jedhan.
Amma kan eegamu yoo jiraate waan hojjetamaa ture caalaatti cimsuudhaan, kunuunsuudhaan, qindeessuudhaan gara afaan hojiitti jijjiiruu qofa.
Afaan Oromoo waaltina ammaan tana irra gaheen walqabatee yoo afaan hojii ta’e rakkoo tokkollee kan hinqabaanne ta’uu kan eeran Doktar Girmaan, kitaabni barnootaafi maateeriyaalonni adda addaa afaanichaan qophaa’an kan waalta’an waan ta’eef gufuun gama kanaan mudatu tokkollee hinjiru jedhaniiru.
Afaan Oromoo ammallee afaan hojii ta’ee tajaajilaa waan jiruuf kan federaalaa gochuun salphumatti kan hojjetamu ta’uu isbanii, kanaaf mootummaan naannichaa dhimma kanarratti ejjennoo qabatee hojjetaa waan jiruuf hayyoonniifi yunivarsitoonni karaa saayinsaawaa ta’een hojicha saffisiisuuf daran tattaafachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hayyoonni simpoziyamicharratti waraqaa qo’annoo dhiyeessanis Afaan Oromoo ummata ittifayyadamu bal’inaan waan qabuuf walitti hidhamiinsa ummatoota biyyattii cimsuuf, sochiilee dinagdee biyyattii keessatti bakka olaanaa waan qabuuf afaanichi afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uu qaba jedhaniiru.
Simpoziyamii haasawa Ministir de’eetaa Ministeera Aadaafi Turizimii, Aadde Bizunash Masaratiin baname kanarratti Gaazexaa Bariisaa waggaa 42 har’aa maxxanfamuu eegale dabalatee kitaabonni adda addaa Afaan Oromootiin qophaa’an bal’inaan dhiyaatanii hirmaattotaan daaw’atamaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Bitootessa 6/2011
3 Comments to ““Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuun biyyattiif boqonnaa haaraa uuma” -Doktar Girmaa Amantee”