Siinqeen ulee qal’oo meeshaa waraana ammayyaa caaluudha

Shaashamannee: Siinqeen ulee qal’oo dubartoonni heeruman qabataniidha. Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hinqaxxaamuran. Keessattuu dhiirri yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hindarbu. Ishii duras laga hince’u jedhama.


Dubartiin oduu lolaa dura dhageesse ililfattee, dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ishee luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni gurmaa’anii bakka lolaa sana yoo ga’an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaafatu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu. Waraana hamaa attamii illee yoo ta’e, seera kana bira hindarbu. Battalatti dhaabbata. Siinqeen meeshaa araaraati jedhama.


Gareen jila Sudaan Pirofeesar Maakiin .hoogganamu Wiixata darbe Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee, Magaalaa Kofaleetti argamuun sirna siiqqee kana hordofeera.


Waajjira Aadaafi Tuurizimii aanichaatti Ogeettiin Aadaa Aadde Saaraa Duubee akka jedhanitti, siinqeen ulee haadholiin ittiin nagaa buusaniifi mirga isaanii ittiin kabachiifataniidha. Haadholiin siinqee qabatanii araara buusu. Siinqeen meeshaa waraanaa ittiin lolan utuu hintaane kan ittiin lola dhaabsisanii nagaa ittiin buusaniidha. Siinqeen ulee hincabne, hinhatamneefi itti hinbu’aamne kan kabaja dubartootaa mirkaneessu ta’uu himaniiru.


Ittaanaa Hoogganaan Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Obbo Adimaasuu Waaqgaarii akka jedhanitti, gareen jila Sudaan sirna Siinqee ilaaluuf gara Itoophiyaa dhufuunsaa hariiroo ummattoota biyyoota lameenii cimsuu keessattis ta’e aadaa sirna Siinqee beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Siinqeen sirna aadaa dubartoonni ittiin mirga, kabajaafi bilisummaasaanii ittiin kabajchiifataniifi nagaa ittiin buusaniidha. Dubartoonni siiqqee qabatanii bahuudhaan lola cimaa akkamiiyyuu battalumatti dhaabsisanii nagaa buusu. Kun dubartoonni nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu mul’isa jedhu.


Dursaan garee jilichaa Pirofeesar Maakiin akka jedhanitti, Itoophiyaan aadaa gabbataa akka qabdu beekuu dandeenyeera. Daaw’annaan kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuu keessattis iddoo olaanaa qabaata. Yeroo gara biyyaatti deebi’anis aadaa gabbataa nageenya buusuufi araarsuuf oolu kana lammiilee Sudaan kan hubachiisan ta’uus ni himu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Guraandhala 29 bara 2011

Recommended For You

4 Comments to “Siinqeen ulee qal’oo meeshaa waraana ammayyaa caaluudha”

  1. Pingback: 누누티비
  2. Pingback: m358
  3. Pingback: a fantastic read

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *