Oggaa Guyyaa Dubartootaa kabajnu

Guyyaa Dubartoota Addunyaa (March 8) kabajuuf jalqaba kan yaadame walakkaa jaarraa 18fatti akka ta’e ragaaleen ni eeru. ALA bara 1857 dubartoonni warshaa huccuu Niiwuyorki, Ameerikaa keessa hojjetan mindaa xiqqaan kanfalamaafii waan tureef, hojiilee fayyaaf mijatoo hintaanerratti akka bobba’an taasifamusaanii mormuun daandilee daandiitti bahan.


Jaarraa 19fan yeroo dubartoonni kabajama mirgoota namummaasaaniitiif sagalee dhageessifachuu itti eegalaniidha. Biyyoonni industiriiidhaan badhaadhan fayyadamummaa qixxee korniyaawwan lamaaniitiif xiyyeeffannaa kennanii hojjetaa hinturre.


Awurooppaafi Ameerikaa hanga tokkos ta’u Awustiraaliyaatti dubartoonni mirga filachuufi filatamuu akka kabajamuufiif sochii kan eegalan jaarraadhuma eerame kana keessa. Sochiifi qabsoonsaanii kun cunqursaawwan kamuu akka dhabamasiifaman gochuu bira taree jijiiramoonni qabatamoon akka mul’ataniif ulaa baneera.


Egaa kabajni Guyyaa Dubartoota Addunyaa haala kanaan eegalame waa malee hinkaafne. Dhugaa kana fudhannee haala biyya keenya si’anaatti yoo deebine taateewwan qabatamoo danuu kaafnee dubbachuu dandeennya. Gartokkee qaama hawaasaa kan ta’an dubartoonni ammaan tana keessumaa mirgoota gama siyaasaatiin argachaa jiraniin hoggansaafi ijaarsa biyyaa keessatti qooda walakkaa fudhachuun hawaasaafi biyyasaanii kutattummaan tajaajilaa jiru.


Fakkeenyaaf, kaabineen mootummaa haaromsaa, Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganamu walakkaan dubartootaan akka qabatamu taasiifameera. Kunis Itoophiyaa, walqixxummaan korniyaa hangana hin mirkanoofnetti inifannoo olaanaadha.


Waajjiraaleen mootummaa ministiroota dubartootaatiin durfaman kanneen akka Ministeera Galiiwwaniifi Ittisa Biyyaafaan keessumaa kallattii riiformii mootummaafi ummanni barbaaduun kutattummaafi adda durummaadhaan milkeessaa jiru.


Biyyi keenya aangoowwan ijoo kanneen akka pirezidaantota biyyaafi Mana Murtii Waliigaalafi Boordii Filannoo Biyyaalessaa hogganan horachuun ga’umsa dubartoonni qaban ifatti kan agarsiisuudha.


Mana ofii sirnaafi beekumsaan hogganuu, dhala ofii soroorsanii guddisuun, nageenyaafi guddina biyyaa keessatti qooda guddaa kan qaban dubartoonni, keessumaa akka Oromiyaatti ittigaafatamummaa kantiibummaarraa eegalee kennameef ga’umsa cimaadhaan bahachurratti argamu.


Hojmaatawwan badoo hidda gadifageeffatanii turan kanneen akka to’annaa kontirobaandii, saamicha lafaa, kenniinsa tajaajilaa si’ataarratti adda durummaan hirmaachuun hojii biyya ijaaruufi imaanaa ummanni kenneef bahachuurratti kutattammaan agarsiisaa jiran daran kan jajamuudha.


Kutattummaa, of kennanii hojjechuu, haala raawwii hojiisaaniifi ga’umsasaanii sirnaan kan hubate Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas magaalota hedduutti kantiibota dubartootaa muuduun qooda fudhannaasaanii caalaatti guddisaa jiraachuun tarkaanfii daran jajjabeeffamuufi jajamuudha.


Kanaafuu Guyyaan Dubartootaa har’aa akka kanaan duraa maqumaaf kan kabajamu otoo hintaane bu’aa isaan iddoo itti hiriiranirratti jechuunis barumsaa hanga hoggantummaatti, qonnaa hanga daldalummaatti walumaagalatti akaakuuwwan hojii hirmaatanirratti bu’aa buusaa jiraniif beekamtii kennuun ta’uu qaba.

Recommended For You

17 Comments to “Oggaa Guyyaa Dubartootaa kabajnu”

  1. Pingback: Terrorism
  2. Pingback: Read More Here
  3. Pingback: click to read
  4. Pingback: live videos
  5. Pingback: tea
  6. Pingback: pk789
  7. Pingback: look here
  8. Pingback: pト途k meナセu
  9. Pingback: Open link
  10. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100
    cpu scrap
    wholesale sugar suppliers uk
    scrap processor
    scrap central processing units
    occ paper scrap
    occ waste paper scrap
    nut prosper globe
    ocopper cathode specifications
    sachet water filling and sealing machine
    insulated copper wire scrap
    waste paper supplier
    recycled copper wire
    copper scrap wire
    occ waste paper suppliers in uk
    processor gold recovery
    waste paper supplier
    ccopper wire scrap millberry

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *