Ija godhannaa tattaaffiin Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Ministirri Muummeen Mootummaa RFDIfi dura taa’aan “IGAD”, tibbana biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Ertiraa, Solalee Laandi, Sudaan Kibbaafi Keeniyaa dura bu’oota biyyoota kanneen wajjin daaw’ataniiru. Keessumaa kan Keeniyaa wajjin Arbaamincitti ayyaana Adwaa kabajaniiru, Dabra Birhaanitti paarkii industirii eebbisaniiru.


Imala gara Keeniyaatti taasisaniin durataa’aa “IGAD” waan ta’aniif waldhabdeeffii walgaareffannaan Somaaliyaafi Keeniyaa jidduu jiru akka karaa nagaatiin akka hiikamu taasisaniiru.


Pirezdaantiin Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyaataafi gitnisaanii Somaaliyaa Abdullaahii Mahaammad daaw’annaa hojiitiif gara Itoophiyaa wayita dhufanitti, Doktar Abiyyi dureewwan lamaan bakka isaan jiranitti akka mari’ataniif haala mijeessaniiru.


Kunis rakkoolee biyyoota lamaanii furamuun naanniwichatti nageenyi waaraan akka bu’u kan taasisuudha jechuun miidiyaaleen gara garaa gabaasaniiru.

Recommended For You

3 Comments to “Ija godhannaa tattaaffiin Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: PHUKET VILLA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *