Injifannoo Adwaa bu’aa irree gamtoomee

Waraanni Adwaa lola Itoophiyaafi Xaaliaanii jidduutti bara 1888 adeemsifameedha. Waraana olaantummaa Itoophiyaatiin goolabame kanaan abjuun gita bittaa Xaaliyaanii ni fashalaa’e.

Injifannoon Adwaa mallattoo kabaja biyyaalessaa sabootaafi sablammoota biyya keenyaa yoo ta’u, ummatoonni biyyattii weeraramuu biyyasaanii dhagahan akka kanniisa gaagurrisaa tuqamee tuutaan bahuun diina biyyasaa weeraree mogoleesaa cabsuuf abjootee itiduule qaaniifi salphina aguuggachiisee ofirraa itti deebiseedha.

Gootonni saboota biyyattii keessaa babahan Finfinneerraa kallattii biyyattii gara Kaabaatti fageenya kiiloo meetira kuma tokkoofi 66 fardaafi lafoon imaluun bakka waraanni itti adeemsifamaa ture, Tulluu Adwaa, Naannoo Tigraayitti kan duulan.

Qonnaan bulaan Itoophiyaa kumoota dhibbaan lakkaa’amu yeroo guyyaa tokko hinguunne keessatti Guraandhala 23 waraanni eegalamee sa’aatii shan keessatti humna weerartuu Xaaliyaanii barbadeessuun injifatee biyya keessaa dhabamsiise.

Innifannoo ummatoota gurraachaa kan ta’e Adwaan siyaasa addunyaarratti jijjiiramoota olaanoofi ijoo fideera. Kanas miidiyaaleen biyyoota Awurooppaa borumtaa injifannoo Adwaatti, “Seenaan addunyaa garagale, humni dhalootaa guddaan Afrikaatti uumamefaa” jedhanii barreessan.

Yeroo nageenyaatti qonnaan bulaa yeroo waraanaatti ammoo goota qabsaa’aa kan ta’e qonnaan bulaan Itoophiyaa, humna weerartuu meeshaa waraanaa ammayyaa hanga funyaaniitti hidhatee wajjjini kutattummaan waraanatti kan seene.

Humna dinagdee Itoophiyaa yeroo sana tureen raayyaa kuma 20 ta’uuf tajaajila loojistikii guutuun wayita hin yaalamne sanatti irreefi onnee walta’e qofaan diinatti qoree dhoqqee keessaa ta’uun iccitii dhokataa hinqabu gamtummaafi jaalala biyyaa malee.
Qonnaan bulaan keessaa kan bahe raayyaan Itoophiyaa gootichi waraanaa hadhaawaa geggeesseen sa’aatiiwwan gabaabaa keessatti waraanicha irra aanuusaa mirkaneeffate. Loltoota Xaaliyaanii hedduus dirreerratti ajjeese, madeesse, booji’e.

Waraana Adwaarratti Xaaliyaanii wajjin taasifamerratti saboonni biyyattii irree tokkoomeen hirmaachuun injifannoo kan goonfatan yoo ta’u, kan barreeffamaa ture seenaa warra moototaati malee kan ummata bal’aa xiyyeeffannaa argatee hinbeeku.

Egaa waa’een Itoophiyaa ijaaruu yoo ka’u, daangaa biyyattii kabachiisuuf gatii guddaan Oromoon Adwaarratti baase ilaaluun gahaadha. Otoo fardeen Oromoo hinjiran ta’ee, Xaaliyaaniin ALA bara 1896tti Adwaarratti ni mo’a ture. Kun akka hintaaneef garuu kutannoofi jabduu Fitaawuraarii Gabayyoo Gurmuufi Dajjaazmaach Baalchaa Saafoofaa weeratoota kanneen qolachuuf hojjetan ragaadha.

Walumaagalatti ummanni Oromoo obboleewwansaa biroo wajjin ta’ee biyya kana ijaaruuf lafeesaa cabseera; dhiigasaa dhangalaaseera. Dhaloonni har’aas oggaa guyyaa Inifannoo Adwaa waggaa 123fa kabaju aarsaa abbootiinsaa biyya kanaaf kanfalan hubachuun inni dabareesaa ijaarsa biyyaa keessatti irree gamtoomeen imaanaa biyyiifi ummanni irraa eegan ga’umsaan bahachuu qabu.

Recommended For You

One Comment to “Injifannoo Adwaa bu’aa irree gamtoomee”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *