Milkaa’inni guyyoota 300 abdii egereet

Guyyoonni 305n darban Itoophiyaadhaaf guyyoota jijjiiramaa turan. Gaaffiileen lammiileen biyyattii haala hinbaramneen waggoota 27 gaafataa tura deebi’aafi imimmaan isaanii haqamaa jira. Guyyoota kanneen keessatti jijjiiramoonni karaa siyaas dinagdeefi hawaasummaa mul’atan ummatatti abdii horaniiru.

Ji’a 10n har’aa jechuunis, Bitooteessa 24 bara 2010 Doktar Abiyyi Ahmad yemmuu ministira muummee ta’anii muudaman haalli biyyattiin keessa turte diigamuurraan adda hinturre. Ummannis biyyasaa jibbee gara itti baqatu wallaalee yaaddoo cimaa keessa ture. Biyyattiin akka biyyaatti ittifufti yaadni jedhus gararaa garasii bal’inaan ka’aa ture.

Ilmi ummataa, Doktar Abiyyi garuu, haasawa gaafa muudamasaanii paarlaamaatti daqiiqaa 40f taasisaniin ummatichatti abdii horan. Wantoonni baay’ee jijjiiramanii biyyattiin biyya ummataasheetiin jaallatamtuu akka taasisan waadaa seenan gammachuu guddaas uume.

Akkuma, “Buddeena nama quufsu eeleerratti beeku” jedhamu san harki caalaan ummata biyyattii haasaasaanii ijaa qalbiidhaan hordofee haasicha kutaa qaamasaatii godhate. Tokko tokko ammoo, “Kan jedhame kun dhuguma hojiirra ooluu danda’amaa” jedhee haasaasaanii qalbii shakkiitiin hordofaa ture.

Akkuma waadaa seenan muudamanii osoo torban hinguutiin ummata dhimmoota addaddaarratti mariisiisuun hojiisaanii ummatuma wajjin eegalan. Murtiiwwan guguddoo addunyaa ajaa’ibsiisan raawwachuutti seenan.

Kanaanis gama siyaasaatiin hidhamtoonni siyaasaa mana sirreessaa keessatti waggoota dheeraaf dararamaa turan dhiifamaan gadi lakkifaman. Paartiileen siyaasaa maqaan isaanii akka rasaasaatti sodaatamuufi shororkeessummaadhaan moggaafaman labsiidhaan maqaansaanii haara’ee qaama jijjiiramaa biyyattii akka ta’aniif gara biyyaatti akka dhufan taasifame.

Miidiyaaleen mootummaa duraanii wajjin akka ijaafi adaamiitti walilaalaa turaniifi cufaman biyya seenanii akka waajjira banatanii hojjetan taasifame. Hattoonni biyyattii saamaa turaniifi yoomiyyuu kan itti hinbu’amne fakkaachaa turanis hoggansa bilchaataa Doktar Abiyyi kennaniin to’annoo to’annoo seeraa jala oolaniiru. Kanaanis olaantummaan seeraa olaanee akka mul’ate ta’eera.

Lammiileen Itoophiyaa sababoota adda addaatiin biyyaa ba’anii ololaafi duula jibbinsaa tamsaasaafi tarkaanfachiisaa turan haala hinabjootamneen jaalalaan hammatamanii biyyasaaniitti akka ida’aman taasifaman. Darbees waan qabaniin biyya ofii ijaaruu keessatti hirmaachuu eegalan.

Biyyoonni ollaafi ardiilee biroos biyya taateen ajaa’ibaa ministira muummee, abbaa mul’ataa kanaan hogganamtu daawwachuuf, keessatti invasti gochuufi hariiroosaanii cimsachuuf toora galaniiru. Biyyisaanii Doktar Abiyyiin akka daawwatamtuufis xalayaa afeerraa dhiheessaa jiru.

Walumaagalatti tarkaanfiiwwan guguddoo Doktar Abiyyi gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin fudhataniifi milkaa’innoonni qabatamoo biyyattiitti guyyoota 300 galmeessisan imala abdachiisaa egeree kan agarsiisan waan ta’eef ummatti biyyattii tattaaffiisaanii kana yeroo kamuu caalaa onnee guutuun deggaruufi utubuu qaba.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Recommended For You

11 Comments to “Milkaa’inni guyyoota 300 abdii egereet”

  1. Pingback: โคเวย์
  2. Pingback: money fake money,
  3. Pingback: harem77
  4. Pingback: ketamin
  5. Pingback: chat rooms
  6. GLOBAL BUSINESS ELITE YOUR WHOLESALE SUPPLIER OF AGRICULTURAL AND INDUSTRIAL COMMODITIES

    We are a global company providing food, ingredients, agricultural solutions and industrial products that are vital for living. We connect farmers with markets so they can prosper. We connect customers with ingredients so they can make meals people love. And we connect families with daily essentials  from eggs to edible oils, salt to skincare, feed to alternative fuel. https://globalbusinessltd.co.uk/

    Global business elite
    copper cathode
    aluminium wire scrap
    scrap processor
    scrap cpus
    waste paper scrap
    fridge compressor scrap
    cable scrap
    scrap copper wire
    waste paper for sale
    ceramic cpu scrap
    icumsa 100
    cpu scrap
    wholesale sugar suppliers uk
    scrap processor
    scrap central processing units
    occ paper scrap
    occ waste paper scrap
    nut prosper globe
    ocopper cathode specifications
    sachet water filling and sealing machine
    insulated copper wire scrap
    waste paper supplier
    recycled copper wire
    copper scrap wire
    occ waste paper suppliers in uk
    processor gold recovery
    waste paper supplier
    ccopper wire scrap millberry

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *