Dhimmi Dirre Dawaa xiyyeeffannoo akka argatu gaafatame

Hawaasaa: Yeroo yerootti jeequmsa magaalattiitti uumamuun hawaasni dararamaa waan jiruuf mootummaan haalichaaf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu dargaggootni magaalattii gaafatan.

Haaromsi hanga ammaatti magaalattii waan hinqaqqabneef ummanni jireenya tasgabbaa’aa dhabuusaa kan himan dargaggootni kunniin, magaalaan jaalalaan beekamtu ammaan tana sodaa keessa jiraachuu ibsu.

Caasaaleen mootummaan hedduun shira baroota darban magaalattii tasgabbii dhorkuuf xaxame irraa kan hinqulqulloofne ta’uu kan ibsu Dargaggoo Junaddiin Ibrahim, keessumaaa caasaan bulchiinsaafi nageenyaa warroota rakkoo uumaa turaniin waan guutameef qoratamee sirraa’uu baannaan magaalattiin yoomillee tasgabbaa’uu kan hin dandeenye ta’uu ibsa.

Qaamni nageenyaa kaleessa ummata hiriira bahe fixaa ture gaafa biyyattiin tasgabbooftetti seeraan gaafatamuunsaanii akka hinoolle baranii jijjiirama kana gufachiisuudhaaf halkanii guyyaa wixirfachaa jiraachuusaaniis eeree, mootummaanis kana hubatee dhimma magaalattiitiif xiyyeeffannoo kennuu akka qabu gaafata.

Ummanni dur jijjiiramaaf du’aa ture ammaan tana jijjiiramicha tiksuuf hanga lubbuusaa kanfaluutti ga’uunsaa hawaasa magaalattiifi ollaashii sodaa keessa galchaa jiraachuus himeeera. Jeequmsi magaalattiitti uumamaa jiru kontirobaandistootaafi qaamota nageenyaa pirezdaantiin duraanii Somaalee hundeessaniin ta’uu kan himu immoo Dargaggoo Obsaa Aliyyi.

Ammaan tana pirezidaantichi seera jala oolus harcaatonnisaa warri inni achitti ijaare dhokatanii ajandaa kaa’ameef raawwachaa jiraachuu dubbata. Waan ta’eefis mootummaan harcaatota kanneen tokko tokkoon funaanee seeratti dhiyeessuu qaba jedha.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Bayyanaa Ibrahimiin

Recommended For You

10 Comments to “Dhimmi Dirre Dawaa xiyyeeffannoo akka argatu gaafatame”

  1. Pingback: sex children
  2. Pingback: Sevink Molen
  3. You will have a free hand to pick from some of the most fruitful slot machines and video slots, 3D slots, and progressive jackpot games. New players will be excited at slots sites that bring them a variety of games. And what do we mean by variety? Well, these days an online casino could offer up to 3,000 slot games, and then some. This collection of four casino slots works with Lightning Link. It adds to the Hold & Spin™ mechanism of its sibling but adds some premium features for more enjoyment. With the common trigger symbol, you will recognize the mechanism with either slot machine. Casinos can choose any number of pre-selected slot machines for you to enjoy your extra spins on. There are a couple of slot staples that will regularly pop up for free spins online casino bonuses.
    https://www.blessin.info/forum/general-discussions/create-post
    The analysis of video poker play duration indicates a complex interplay between social, psychological, and economic aspects. As casinos continue to profit from this well-liked game, there is an increasing need to balance profitability and responsible gaming standards. The daily average of 3.5 hours playing video poker is more than just a statistic; it warns both casinos and players to be frugal with their time and money when trying to win at chance and skill. Find the game and denomination of your choice on the casino floor at Century Casino Caruthersville. Play at your own pace and get in on the action while enjoying favorable payout scales, rewards incentives and progressives. When choosing a casino game, you might also consider the theme. Online video poker games come in different styles, ranging from old-school classics that look like casino machines, to modern video games with detailed themes.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *