Kakuu qalamuu, araaraan goolabame

Biyya kana keessatti ummanni Oromoo dachee qabeenya uumamaatiin badhaadhe qabu, duudhaafi aadaa gabbataa, seenaafi afaan gama hundaan guutamaa ta’e qabutti akka abbummaa qabeenyummaasaatti takkaa sirnaan fayyadamee hinbeeku.

Sirnoota mootummaafi bulchiitota biyyattii hidhii damma dibatanii dabaree aangoorratti walfuraniin abeenyaafi duudhaa uumaan isa badhaastetti fayyadamuun hafee mirgi namummaasaa mulqamee gidiraafi argaafi hiraarfamaa turteera. Waantota ummaticha gidiraafi hiraarfama hamaaf saaxilan keessaa adda durummaan kan eeramu tokkommaa dhabuudha, keessumaa hayyootaafi dhaabbilee siyaasaa maqaa sabichaatiin socho’anii sadarkaa jalqabaatiin eerama.

Kanaanis seenaarraa barachuun dadhabamee ummanni kun akka waan abaarsa qabuu barumaa dhufaa darbaa mataa gadi qabatee jireenya gadadoofi ofitti amanamummaa hinqabne geggeessuuf dirqameera. Adeemsa cunqursaa kana gadifageenyaan hubate ummanni Oromoo keessumaa dargaggoonnisaa waggoota shanan darbanitti humna qawwee hidhate wajjin walhudhaa wareegama qaalii kanfalaniiru.

Kanaanis jijjiiramni ji’oota saglan darbanitti akka biyyaatti galmaa’e daran olaanaa yoo ta’u, akka Oromiyaatti garuu adaamii qoree biratti guddattee jedhamu san ummanni naannichaa bu’aa qabsoosaa tasgabbaa’ee dhandhamachuurra sirumayyuu gidiraa hamaaf saaxilameera.

Waldhabdee akkuma Abeeliifi Qaa’eel obboleewwan lamaan jidduutti jechuunis ABO Obbo Daawud Ibsaatiin hogganamuufi dhaaba Mootummaa Naannoo Oromiyaa hogganu, ODP jidduutti uumameen naannichatti keessumaa gara lixaatti ummanni bahee galuu dadhabee rakkoo hamaa keessa tureera. Waldhabdee kana karaa nagaatiin furuuf abbootii Gadaafi Haadholiin siinqeetiin qophaa’eefi hayyoonni Oromoo, bakka buutonni paartiilee siyaasaa Oromoo, qeerroon, foolleen, artistoonniifi bakka buutonni kutaalee hawaasa garagaraa heddumminaan argaman sagantaan araaraa geggeeffameera.

Qaamoleen kunniin akka araaramaniif gama hayyootaa, abbooti Gadaafi haadha Siinqeetiin kadhaan onneerraa madde taasifame yoo ta’u, keessumaa hayyoon Oromoo Obbo Hayuilee Gabree jedhaman “Ani Amma Obbo Baqqalaa hinjedhu, Doktar Mararaa hinjedhu.

Oromoon hundi walitti fidee qalee araara buusuu qaba. Yoo horii kan qalan ta’e binnee qalla. Namatu qalamee araarri bu’a taanaan ana qalaatii jeequmsa keessaa nu baasaa” jedhan daran kan garaa nama raasuudha. Qaamoleen lameenis namoota araaraaf bahan hinqaanessinee araaramaman.

Kanas dirree diddaan garburummaa tokko jedhee itti eegalame, Ambootti qajeeluun bakka abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa, barsiisonni yuunvarsiitii, dargaggoonni, hoggansi jaarmiyaalee siyaasaa addaaddaafi jiraattonni magaalaa magaalattiifi naannawashee argamanitti akkuma duudhaafi aadaa Oromtichaatti kakuu araaraaf seename, korma qalanii araaricha mirkaneessuunsaanii hiika guddaa waan qabuuf araarri bu’ee waadaan galameef eegamee ittifufuu qaba.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *