Ummatoonni biyya keenyaa bara dhufaa darbaatti, sirnoota abbaa lafaa, cunqursitootaafi abbootii irree dabaree irratti walfuraniin gidiraa argaafi rakkoodhaan gadadamaa turaniiru.
Lammiin Itoophiyaa biyya keessaafi alatti argamu gama hundaan miira abdii kutannaa keessa galee, biyyis qarree diiggachuurra geessee turuunshiis yaadannoo yeroo dhiyooti. Ummanniifi biyyi irree cunqursitootaatiin ukkaamamanii garmalee dararamaa turaniiru, dinagdeen biyyaas saamtotaafi gantootaan akka hintaane ta’ee garmalee hunkutaa’eera.
Eddii humni jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahmadiifi miiltoowwansaatiin durfamu gara aangootti dhufee ji’oota kurnan darbanitti garuu gama hundaan bu’aaleen waggoota dheeraa keessattillee ni dhufu jedhamee hin abjootamne hedduun gama hundaan galmaa’aniiru; galmaa’aas jiru.
Kanaanis ummanni bal’aan biyyattii egereensaa abdii qabeessa ta’uu hubatee hoggansa jijjiiramasaa maddii hiriiree qoodasaa bahachaa jira.
Ta’us akkuma mammaaksa Oromoo, “Bakka booressaan jirutti taliila dhuguun hindanda’amu” jedhamu san qaamoleen humnoonni ummanni qabsoo hadhaawaa taasiseen isaan bilisoomseefi jijjiiramichi hinliqimfamneef biyya keenya iddoowwan adda addaatti ummata boqonnaa dhowwaafi bu’aa qabsoosaa akka hindhandhamanne gochaa jiru.
Kanaafis dhaabbileen amantii gara garaa dhimma nageenyaarratti hordoftootasaanii wajjin ta’anii Waaqa kadhachuuf labsii dabarsanii hojiirra oolchaa jiru. Kan walitti mufates walitti araarsuurratti argamu. Keessumaa dhimma nageenyaa gadifageenyaan kan hubataniifi beekan abbootiin Gadaa Gujii torban lamaan kana torban nageenyaa labsanii turan.
Kanaanis bu’aa abdachiisaan argamaa akka jiruudha aagni gama abbootii Gadaa Gujii biraa dhagahamaa jiru kan mirkaneessu. Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kibbaafi miiltoowwansaa labsicha fudhachuun harka abbootii Gadaa jiraachuu Abbaa Gadaan Gujiitiin ibsameera.
Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka mirkaneessanitti, Ajajaa WBO Eliyaas Gaambeellaa dabalatee miseensonni 10 waamicha nagaa fudhachuun araaraaf dhufanii harka abbootii Gadaa jiru. Soddomni ammoo waamicha fudhatanii dhufaniiru. Guyyoota muraasa keessattis abbootii Gadaa bira ni ga’u.
Durumayyuu ijoolleen Abbaa Gadaa masaraafi bosona taa’anii waldhabuun sirrii waan hinturreef kanneen waamicha araaraa fudhatanii dhufan kunneenis hammam abbootii Gadaa akka kabajaniifi sirna Gadaatiif bakka guddaa kennan kan mul’isuudha.
Waamichichi tollaan awwaannaan tole waan ta’eef adeemsiifi tattaaffiin nageenya mirkaneessuuf taasifamu ija godhachaa jiraatii ammas cimee ittifufuu qaba.
7 Comments to “Waamichi tollaan awwaannaan tole”