Seerota sirna filannoo fooyyessuun waliigaltee paartiilee siyaasaa cimsa

Bara 1987 irraa eegalee Itoophiyaatti filannoon biyyaalessaa si’a shanaffaa kan adeemsifame yoo ta’u, baroota kanneen keessatti paartiileen siyaasaa guutummaatti waliigaltee uumanii hinbeekan.

Kanarraa kan ka’e adeemsi filannoo biyyaalessaa nagaafi iftoomina qabu, walabaafi haqaqabeessa ta’e akka hingaggeeffamneef hudhaa ta’uusaa ta’iinsotni asiin dura raawwachaa turan qabatamaatti kan mul’isaniidha.

Filannoo  si’a 6fa bara dhufu adeemsifamuu hundarra nagaa qabeessa, amansiisaafi dimokiraatawaa gochuuf gamanumaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa seerota sirna filannoo fooyyessuuf tattaafachaa jira. Kanaanis koree haaraa hundeessuun hojii keessa kan seene yoo ta’u, yeroodhaa yerootti paartiilee siyaasaa waliin mari’achaa jira.

Roobii darbes mata duree, “Seerota filannoo fooyyessuun waliigaltee paartilee siyaasaa cimsa” jedhurratti hoteela Intarkontinantaalitti mariin kan adeemsifame yoo ta’u, hayyootni Yunvarsiitii Finfinnee waraqaa dhiyeessaniiru.

Doktar Geetaachoo Asaffaa hundeeffamaafi galmee paartiilee siyaasaarratti waraqaa dhiyeessaniin akka jedhanitti, qajeelfamootni labsii sirna filannoo 662/2000 keessatti eeraman guutummaatti paartii biyya bulchaa jiruufi paartiilee siyaasaan hojiirra yoo hinoolle filannoo nagaqabeessa, walabaafi dimokraatawaa gaggeessuun rakkisaadha.

Paartileen siyaasaa kutaalee hawaasaa bakka bu’uun dorgoman marti qajeelfamoota sirna filannoo kanneen akka seeraan gurmaa’uu, qoqqoodinsa sabummaa, amantii, siyaasaafi saalaa gochuurraa bilisa ta’uu, ittigaafatamummaa fudhachuufi rakkoolee uumamaniif ammoo karaa nagaan hiikuuf kutannoon hojjechuu akka qaban kaasaniiru.

Kana gochuuf ammoo paartileen siyaasaa hundi kaayyoofi sagantaa qaban miseensotaafi deggartoota isaaniif leenjii kennuun akka isaanirra jiru ibsaniiru. Kana waliinis hojmaata dimokiraatawaa hordofuun hundarra kan eegamu waan ta’eef, ammumaa jalqabee hunduu hojiirra oolmaa qajeelfamoota sirna filannoof xiyyeeffannoo kennuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dura taa’aan Tokkummaa Dimokiraasummaa Ummattoota Itoophiyaa(Madrak)fi Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO), Doktar Mararaa Guddinaas naamusa sirna filannoo ilaalchisee waraqaa kan dhiyeessan yoo ta’u, saayinsii sirna filannoo keessatti naamusni bu’uura ykn qaama seera filannoo ta’uu ibsan. Labsii sirna filannoo 662/2000 keessattis naamusni sirna filannoo Itoophiyaa kan qophaa’e yoo ta’u, hanqinootni hedduun waan jiraniif fooyyessuun barbaachisaadha jedhan.

Kunis, keeyyatootni naamusa sirna filannoo keessatti eeraman akkaataa nama hundaaf galuu danda’uun kan qophaa’an waan hintaaneef, filannoon biyyaalessaa baroota darban keessa adeemsifaman waliigaltee paartilee siyaasaa uumuu akka hindandeenye eeraniiru.

Kanaaf filannoo biyyaalessaa bara dhufu si’a 6faf adeemsifamu karaa hundumaa mijeessuuf gufuuwwan naamusa sirna filannoo furuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis, hoggantoota paartilee siyaasaaf leenjii gahaa kennuu, duudhaalee siyaasaa kanneen akka waldanda’uu obsuu, garaagarummaarra tokkummaarratti xiyyeeffachuufi gama kamiinuu bu’aa filannoo kabajuun hundarra murteessaadha jedhan.

Labsii sirna filannoo 662/2000 keessattis dambiin naamusa sirna filannoo haala iftoomina qabuun  waan hineeramneef waliigaltee paartilee siyaasaa gufachiisuu danda’a kan jedhan Doktar Mararaan, haala qabatama biyyattiitiin fooyya’uu akka qabu hubachiisu. Kanaafis keeyyatootni dambii naamusa sirna filannoo 5, 6, 8fi 10 hirmaannaa paartilee morkattootaan fooyya’insa kanneen barbaadan ta’uu yaadachiisaniiru.

Sirna filannoo kanneen akka qajeelfamootaafi dambii naamusa filannoo fooyyessuu qofaatiin sirna mootummaa al takkaatti  dimokiraatawaa gochuun ulfaataa ta’uusaas eeraniiru.

Kanaaf, paartileen siyaasaa marti garaagarummaa ilaalchaa, kaayyoofi sagantaa qabaachuu waan danda’aniif, waldanda’anii filannoo haqaqaeessaafi dimokiraatawaa adeemsisfachuu akka qaban hubatameera. Hundarra ammoo dhimmoota tokkummaa biyyaa cimsurratti waliigaltee uumuu akka qabanis hayyootni kunneen waraqaa qorannoosaanii keessatti eeraniiru.

Haaluma walfakaatuun filannodhaan walqabatee dhimmoota fooyya’uu qabu jedhan kanneen akka caasaa boordichaa, dhimma dheeressuufi dhiisuu yeroo filannoo, dhaabbilee dimokraasiifi dhimmoota paatiilee siyaasaarratti kaleessa mari’ataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *