“Lafa keenyarratti paartiin kamuu waraana akka hinbaane” – Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Tibbana Oromiyaa keessatti wanti adeemaa jiru kana Oromoo hedduu gaddisiseefi mataa gadi qabachiiseedha. Waldhabdeen ODPfi ABO gidduutti uumame ummata arsaa kanfalchiisaa jira. Bakkeewwan garagaraatti ammas lubbuun namaa darbaa jira, qabeenyi barbada’aa jira, dinagdeen ummataas kufaa jira.

Haalli jiru mariidhaan hiikamuu osoo qabu osoo qubni walitti qabamuu dhimmichi takka ho’aa takkammoo qabbanaa’aa madda rakkoo nageenyaa ta’eera.

Abbootiin Gadaa Gujii sadan Uraagaa, Maattiifi Hokkuu dhimmi kun isaan yaachisees walitti ba’uun kanuma balaaleffachuuf torban kana torban nageenyaa labsaniiru. Kunis Wiixata darberraa eegalee hanga Dilbata dhufuutti (Mudde 29- Amajjii 5tti) kan turuudha.

Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo gaafdeebii Gaazeexa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, torban nageenyaa kana labsuun kan barbaachiseef haala nageenyaa amman tana Gujii Bahaafi Lixaa akkasumas, bakkeewwan garagaraatti boora’ee jirurraa ka’uuniifi kun akka dhaabbatuf yaadameeti.

Akka ummata Gujiitti abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, qeerroofi ummanni walitti ba’anii “lafa keenya lafa abbaa Gadaatiin bulturratti paartiin kamuu waraana akka nurratti hinbaane” jechuun gochaa amma taasifamaa jiru balaaleffatu jedhu.

Ummati nagaa qaba, nagaas barbaada kan jedhan Abbaa Gadaa Jiloo, paartiin kamiyyuu kanarratti dhukaasa banuun ummata nagaa miidhuu akka hinqabne hubachiisu. Waraanni barbaachisaa waan hintaaneefis paartiileen Oromoof hojjenna jedhan hundinuu walitti dhufanii mari’achuun rakkoosaanii hiikkachuu akka qaban kaasanii, addatti ODP’s ta’u ABOn dhimmichatti xiyyeeffannaa akka kennan gaafataniiru.

Torban nageenyaa kana keessas walga’iin siyaasarraa bilisa ta’e waamicha abbootii gadaatiin kan taasifamu ta’uu eeranii, ummanni bal’aas walitti ba’uun waa’ee nageenyaarratti seera kan tumatan ta’uu Abbaa Gadaa Jiloon ni himu.

Namni walfammatu kaayyoo ofiitiin walfammuu qaba malee qawwee walitti dhukaasuutii ta’uu akka hinqabneefi sababa kanaan namni nagaa akka hindhumnees ergaasaanii dabarsu.

Aadde Negeellee Godaanaa, Ittigaafatamtuu Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Godina Gujii Lixaa yoo ta’aan isaanis, Abbootiin Gadaa Gujii torban nagaa kan labsaniif, wal waraanaan furmaanni dhufu waan hinjirreef daandiirraa osoo hinmaqiin qabsoon karaa nagaatiin akka adeemsifamu keessumattuu Oromoo wal waraanuu hinqabu jechuun haala amma jiru balaaleeffachuun ta’uu addeessu.

Torban kanas marii gaggeessuun kan darbarsan ta’uu himanii, keessumaa waltajjii kaleessa Godina Gujii Bahaa, aanaa Darmee Daamaatti gaggeeffamerratti qeerroofi ummanni akkasumas, qaamoleen mootummaa irratti hirmaachuusaanii himu.

Waajjirri isaaniis kaayyoon Abbootii Gadaa kun akka milkaa’uuf waliin akka hojjechaa jiruu eeranii, kanaanis bu’aan ni dhufa jedhanii akka abdatan ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to ““Lafa keenyarratti paartiin kamuu waraana akka hinbaane” – Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *