Oromiyaatti pirojektonni bishaanii 30 barana eebbifamu jedhame

Naannoo Oromiyaatti piroojektootni bishaan dhugaatii 30 ta’an eebbifamanii tajaajila kan kennan ta’uu Biiroon Bishaan, Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Sayfaddiin Mahaadii Ibsa kaleessa waajjirasaaniitti miidiyaaleef kanneniin, yeroo ammaa pirojektotni bishaanii guguddoon 566 ta’an ijaaramaa jiraachuufi kanneen keessaa 30n bara kanatti xumuramanii tajaajila kan kennan ta’uu dubbataniiru.

Bara bajataa kanatti qarshiin biiliyoona sadii ta’u ijaarsa piroojektota bishaaniitiif mootummaa naannichaatiin qabamuusaa kan eeran Obbo Sayfaddiin, ‘UNICEF’ dabalatee dhaabbilee miti mootummaa irraayyis qarshiin biiliyoona tokkoo ol ta’u damee kanaaf ramadamuusaa ibsaniiru.
Rakkoon nageenyaa yeroo ammaa iddoo tokko tokkotti mul’atu hojii piroojeektotaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuusaafi sababa kanaatiinis piroojektotni 159 ta’an hojii dhaabuudhaaf kan dirqaman ta’uu himaniiru.

Kontiraaktarootni humnasaanii ol pirojektii hedduu qabachuun, geggeeddaramuun diizaayinii, fedhiin bishaan dhugaatii yeroo yeroon dabaluufi hanqinni sharafa alaa harkifannaa piroojektota bishaaniif wantoota sababa ta’an keessaa isaan gurguddoo akka ta’es hogganichi ibsaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

One Comment to “Oromiyaatti pirojektonni bishaanii 30 barana eebbifamu jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *