Manneen barnootaa cufaman bansiisuuf hawaasni tumsuu qaba

Sababa rakkoo nageenyaan walqabatee Godinaalee Wallagga Bahaa, Qellam Wallaggaa, Booranaa, Gujiifi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti manneen barnootaa 810 kan cufaman yoo ta’u, Wallagga Lixaatti ammoo manneen barnootaa 955 guyyoota sagaliif cufamanii turan tumsa hawaasni godinichaa taasiseen banamuusaanii Biiroon Barnoota Oromiyaa ibseera.

Hogganaan Biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa Kibxata darbe waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan carraafi walgeettii barnootaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa kan ture yoo ta’u, kanaanis bu’aawwan hedduu galmeessisuu danda’eera.

Wayita ammaas Oromiyaatti manneen barnootaa sadarkaa 1fafi 2fa kuma 16 ol ta’an barattoota miliyoona 10, akkasumas barsiisota kuma 200n hojii baruu barsiisuu gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Haa ta’u malee, rakkoo nageenyaan walqabatee godinaalee muraasa keessatti manneen barnootaa 810 yeroo hinbeekamneef baruu barsiisuu addaan kutuusaanii eeraniiru. Manneen barnootaa cufuufi barnoota addaan kutuun misooma hawaas-dinagdeefi siyaasa uummata Oromoo kan miidhu waan ta’eef hatattamaan sirreeffamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Godinaalee kanneenitti rakkoon nageenyaa uumamuusaatiin manneen barnootaa akka cufaman gochuurra darbee ijaarsi pirojektota manneen barnoota qophaa’inaa akka gufatan taasiseeras jedhan.

Kunimmoo adeemsa keessa misooma barnootaa biyyattiin qabattee jirturratti dhiibbaa guddaa kan geessisu waan ta’eef, hawaasni dursa waa’ee nageenyaaf dhimmamee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Manneen barnootaa cufamanis deebi’anii akka banaman gochuuf abbootiin Gadaafi amantii, qeerroowwan, akkasumas hoggantootni paartiilee siyaasaa deggarsa gochuu akka qaban gaafataniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Wallagga Bahaa, Obbo Dirribaa Ragga’aa Roobii darbe ibsa kennaniin akka jedhanitti, torban darbe keessa guyyoota sadiif manneen barnoota 290 ta’an rakkoo nageenyaarraa kan ka’e cufamaniiru. Haa ta’e malee, deggarsaafi tumsa hoggantootni barnootaa godinichaafi hawaasni marti taasisaniin Wiixatarraa kaasee irra caalaan manneen barnootaa baruu barsiisuu eegaluusaanii addeessaniiru.

Manneen barnootaa daangaa Beenishaangul Gumuziirra jiran muraasni garuu ammayyuu akkuma cufamanitti jiraachuu yoo himan, bansiisuuf ciminaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Hojiin baruu barsiisuu dhaabannaan miidhaa guddaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf barattootni, maatiifi kutaaleen hawaasaa marti tumsa walirraa hincinne gochuu akka qaban himaniiru.
Godina Horroo Guduruuttis manneen barnoota 114 cufaman keessaa kudha tokko tumsa hawaasaan deebi’anii banamuusaanii ibsa ogeessotni barnootaa kennanirraa hubachuun danda’ameera.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Barnootaa Godina Gujii, Obbo Yoonaas Bariisoos akka ibsanitti, torbee darbee sababa rakkoo nageenyaatiin manneen barnootaa shantamaa ol kan cufaman ta’uu eeranii, tibbana garuu gariinsaanii hojii baruu barsiisuu eegalaniiruu jedhan.

Darbee darbee garuu sodaafi muddamni aanaalee muraasa keessatti waan mul’atuuf harcaatiin barattootaa jiraachuus ibsaniiru. Hoggantootni damee barnootaa hundi dhimma nageenya manneen barnootaafi baruu barsiisuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u, hawaasnis tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *