Ijaarsa daandii Eddoo-Seroftaa-Warqaa: Deebii gaaffii waggoota dheeraa

Aanaan Naansaboo naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa keessatti argama. Aaanaan kun omishaalee bunaa, damma, fuduraafi muduraa adda addaa akkasumas qabeenya bosonaa, gaarreeniifi bineensota bosonaa gara garaa qabdi.

Qonnaan bultoonni aanichaa sababa rakkoo daandii irraa kan ka’e omishaalee isaanii gabaaf dhiyeessuufis ta’e yoo dhukkubsatan gara mana yaalaa dhaquuf rakkoo guddaaf saaxilamaa turaniiru; saaxilamaas jiru. Daldaaltoonnis omisha buna aanichaa bitanii gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf daran rakkatu. Keessumaa waytii gannaa ammoo socho’uun daran rakkisaadha.

Rakkoon daandii aanichaa kun waggoota dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’u, Sanbata darbe ijaarsa pirojektii daandii asfaaltii Eddoo-Seroftaa-Warqaa jalqabsiisiisuuf dhagaan bu’uuraa magaalaa Warqaatti kaa’ameera. Daandichi kiilo meetira 73 kan fagaatu yoo ta’u, ijaarsasaatiif qarshiin biiliyoona 1.7 kan ramadame yoo ta’u, waggaa afuritti xumurama jedhamee karoorfameera. Ijaarsi daandichaa kontiraaktara dhuunfaa Obbo Alamaayyoo Katamaatiin hojjetamu ta’uunis himameera.

Jiraataa Magaalaa Warqaa kan ta’an Haaji Musxafaa Kadir akka jedhanitti, bunni aanichaa jaallatamaafi beekamtii waan qabuuf omishtootaafis ta’e daldaltootaaf faayidaa guddaa qaba. Haata’u malee sababa rakkoo dhabiinsa daandiirraa kan ka’e qonnaan bulaan omisha bunaarraa bu’aa malu argachaa hinjiru.

Qonnaan bulaa itti dadhabee omisha bunaa gaarii kan argatu ta’us dadhabii irraa kan hafe gatii garii irraa argachaa hinjiru. Sababa rakkoo daandiifi geejjibaatiin gatiin buna baranaa daran gad bu’ee jiraachuu dubbatu.

Daandiin ijaarsisaa ni jalqaba jedhame kun yeroo xumuramu bunni aanichaa kallattiidhaan gabaa giddugaleessaaf waan dhiyaatuuf ummataafis ta’e mootummaadhaaf bu’aa guddaa qaba. Gatiin bunaa amma daran gad bu’e kunis akka dabalu waan taasisuuf dafee akka xumuramuuf hordoffiifi to’annoo cimaan taasifamuufii akka qabu himu.

Obbo Ayyaanoo Boonaas jiraataa magaalaa Warqaati. Akka isaan jedhanitti, rakkoo daandii irraa kan ka’e qonnaan bulaan omisha bunaa gatii gadi bu’aadhaan gurgurachaa jira. Daldaaltonni omisha bunaa bitanii gabaa giddugaleessaatiif dhiyeessanis baay’inaan hinjiran.
Gabaan bunaas seera hinqabu. Gabaan bunaa akka seeraan hinto’atamne kan taasise ammoo rakkoo daandiiti. Bunnin bara darbe sassaabame sababa rakkoo daandii irraa kan ka’e hanga ammaatti harka omishtootaa kan jiru jira. Sababa rakkoo dandiifi qabeenyaatiin qonnaan bulaan omisha bunaa bakka biraatti fe’ee gurgurachuu hindanda’u jedhu.

Sababa rakkoo daandiifi geejjibaa irraa kan ka’e abbaan qabeenyaa buna qonnaan bultoota irraa bitee gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf ni rakkata kan jedhan Obbo Ayyaanoon, keessummaa yeroo waqtii gannaa socho’uun baay’ee rakkisaadha. Rakkoon daandii kun qonnaan bulaan omisha isaa gatii gad bu’aatti akka gurguru taasisaa jira jedhu.

Daandiiin kun akka nuuf ijaaramuuf utuu gaafannuu haarrii itti baafneerra kan jedhan Obbo Ayyaanoon, yeroo ammaa daandiin kun akka nuuf ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera. Dhagaan bu’uuraa kaa’amuu utuu hintaane ijaarsi daandichaa jalqabamee yeroo xumuramuudha gammachuun keenya dachaa kan ta’u. Rakkoon daandii kun omisha isaanii gatii gad bu’aatti akka gurguratan isaan taasisuurra darbee keessumaa yeroo gannaa nama dhukkubsate gara buufta fayyaatti akka hingeessine isaan taasisuun dhukkubsataan yaala fayyaa argatee fayyuu danda’u akka du’u taasisaa jiraachuu dubbatu.

Geejjibni waan hinjirreef qonnaan bulaan bunasaa farda tokko qarshii 300 hanga 400tti kireeffatee gara gabaatti geeffataa jira kan jedhan Obbo Ayyaanoon, daldalaanis qonnaan bulaa bira gahee omisha bunaa akka hinbitanne taasisaa waan jiruuf daandichi dafee ijaaramee akka isaaniif xumuramuuf gaafataniiru.

Bulchaan Aanaa Nansaboo Obbo Baarandaa Qaabatoo akka jedhanitti, aanichi omisha bunaatiin kan beekamuufi waggaatti qarshii miliyoona 70fi kuma 600 mootummaa federaalaatiif galii taasisa. Rakkoon daandii aanichaa waggoota dheeraaf ture kun rakkoo gabaa ta’uurra darbee hojjetaan mootummaa hojii gadhiisee akka deemu taasisaa jira. Ijaarsi daandichaa dafee xumuramee tajaajilaaf akka ooluuf hawaasa aanichaa waliin ta’uun deggarsa barbaachisu kan taasisan ta’uu himu.

Bulchaan Godina Arsii Lixaan Obbo Mahaammad Kamaal akka jedhanitti, daandiin aanichaa kanaan dura xiyyeeffannaa utuu hin argatin turuu isaatiin hawaasni waggoota dheeraaf komii dhiyeeffachaa tureera. Kanaafuu kontiraakterichi ijaarsa daandichaa yeroo gabaabaa keessatti jalqabee xumuruun gaaffii ummatni barootaaaf kaasaa ture akka deebisuuf gaafataniiru. Ummatni aanichaas ijaarsa daandichaa irratti akka hirmaatu gaafataniiru.

Daariktaara Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Tagany akka jedhanitti, ijaarsi daandii ummatni naannichaa hawwiidhaan eeggachaa ture jalqabameera. Sababa rakkoo daandichaatiin keessumaa dubartoota ulfaa gara buufata fayyaatti geessuun rakkisaa akka ture ni hubanna. Sababa rakkoo daandii kanaan hawaasni aanichaa rakkoolee hawaasummaafi dinagdeef saaxilamaa tureera; saaxilamaas jira. Aanichi omisha bunaatiin beekamaa ta’us sababa rakkoo daandiitiin omisha kana irraa fayyadamaa akka hintaane hubanneerra. Ijaarsi daandii kiilomeetira 73 kun qarshii biiliyoona 1.7n kan hojjetamu ta’uufi waggaa afuritti xumuruuf kan karoorfame ta’uu himaniiru.

Ijaarsi daandii qarshii guddaa kan gaafatu qabeenya guddaadha kan jedhan injineerichi, ijaarsi daandichaa yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf deggeri hahaasa aanichaa murteessaadha. Ijaarsi daandichaa dinagdeen aanichaa akka socho’uufi naanna’u taasisuun faayidaa hawaas-dinagdee guddaa kenna waan ta’eef yeroo ijaarsaattis ta’e ta’e erga ijaaramee xumuramee booda daandichaaf eegumsa barbaachisu taasisuun barbaachisaa ta’uu himu.

Abbaantaayitichaa ijaarsi daandichaa qulqullinaan akka hojjetamuufi yeroodhaan akka xumuramuuf hordoffii barbnaachisu hundaa ni taasisa kan njedhan Injinar habtaamuun, kontiraakterichis yeroo gabaabaa keessatti hojiisaa eegaluu akka qabu yaadachiisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Doktar Warqinaa Gabayyoo akka jedhanitti, ummatni aanichaa daandichi akka ijaaramuuf waggaa baay’eef iyyachaa tureera. Nus ta’e kontiraakterichi rakkoo daandii aanichaa argineera; rakkoon daandii kun yeroo roobaa ammoo hamam rakkisaa akka ta’e hubanneera.

Kanaafuu ijaarsi daandichaa dafee xumuramuuf gargaarsi hawaasa naannawichaa murteessaadha waan ta’eef keessumaa dargaggoonni akka nama mana ofii isaa ijaarratuutti ijaarsa daandichaa irratti hirmaachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Daandiin waggaa afuritti xumurruuf karoorfame kun kontiraakterriifi qeerroon waliin kan hojjetan taanaan waggaa afurii gaditti xumuruun ni danda’ama. Dargaggoonni hojii daandichaa irratti hirmaatanis muuxannoo ijaarsaa gahaa horatanii bahuu kan danda’an ta’uus himaniiru.

Kontiraaktarri daandichaa Obbo Alamaayyoo Katamaa akka jedhanitti, daandii ijaaruun waan salphaadha, kan ulfaatu walii galanii ijaaruudha waan ta’eef keessumaa dargaggoonni ijaarsa daandichaa irratti bal’inaan akka hirmaataniif gaafataniiru.

Walumaagalatti, ijaarsi daandii bu’uura misooma hundaa waan ta’eef ijaarsi daandichaa yeroo karoorfame keessatti akka xumuramuuf hordoffiifi to’annoon cimaan taasifamuufi qaba. Waanti guddaan dhagaa bu’uuraa kaa’uu utuu hintaane ijaarsa daandichaa qulqullinaafi yeroodhaan tajaajilaaf dhiyeessuun dhimma murteessaa hawaasni hawwii guddaadhaan eegu ta’uun isaa hubatamuu qaba.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *