Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa sirreeffamtoota seeraa 538f dhiifama taasise

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ayyaaana Qillee sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 538f dhiifama taasise. Qorannoo walitti bu’iinsaafi jeequmsa Magaalaa Buraayyuu, Finfinneefi kutaalee biyyattii adda addaatti raawwatamaa turan irratti taasisaa tures ifa taasise.

Ittigaafatamaan Dhimmoota Komiikeeshinii Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Zannaba Tunnuu miiltoowwansaanii biroo wajjin ta’uun ibsa dheengadda gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, yakka naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaafi Godinaalee biroo keessatti raawwatamanirratti kanneen hirmaatan irratti qorannoo taasifameen ragaa walitti qabame irratti hundaa’uun hanga ammaatti shakkamtoonni 75 torba qabamaniiru.

Isaan keessaa afur hoggantoota mootummaa naannichaa olaanoodha. Shakkamtoonni hedduun biyya keessaa kan ba’an ta’us gara fuulduraatti qabamanii akka seeratti dhiyaataniif kutannoodhaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Jeequmsa naannoo Benishaangul Gumuziifi Oromiyaa gidduutti uumamee ture irratti hirmaachuun yakka ajjeechaa, saamichaa, lammiilee buqqisuufi qaama miidhuu raawwatamaa tureen Waxabajjii bara 2010 keessa naamoonni 16 du’aniiru, 100 miidhaa qaamaa salphaafi jabaaf saaxilamaniiru, qabeenyaan miliyoona 14tti tilmaamamu barbadaa’eera. Yakka kana raawwachuu keessatti hirmaataniiru jechuun namoonni baay’een shakkamanii to’annoo jala kan oolfaman ta’uus himaniiru.

Yakka sabummaa irratti xiyyeeffachuun naannoo Kibbaa magaalaa Hawaasaatti Waxabajjii 5-12 bara 2010tti raawwatameen miidhaa guddaan qaqqabeera. Yakkamtoonni 100 ragaa namaa, sanadaafi ragaa ifaadhaan qabamanii seeratti dhiyaataniiru. Hojjettoonni mootummaa magaalattii, miseensonni poolisiifi hojjettoonni mootummaafi sirreeffamtoonni seeraa yakkicharratti hirmaachunsaanii ragaadhaan mirkanaa’eera.

Jeequmsa magaalaa Buraayyuufi Finfinnee gidduutti Fulbaana 2-6 bara 2011tti mudatee tureefi sagantaa simannaa ABO Fulbaana 5 bara 2011 Finfinneetti adeemsifameen walqabatee namootni 37 du’aniiru; namoota 315 miidhaa qaamaa jabaaafi salphaaf saaxilamaniiru. Qabeenyi miliyoona 17fi kuma 538fi 744 manca’eera. Namootni kuma afuriifi 506 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Yaakka kana irratti hirmaataniiru jechuun shakkamtoonni 649 qabamuun ibsameera.

Shakkamtoota qabaman keessaa 321 irratti ragaan waan hinargamneef barumsi kennameefii wabiidhaan hiikamaniiru. Shakkamtoota guyyaa 21-3-2011 yaakka ajjeechaafi kakaasuu irratti himaataniiru jedhamuun qabaman 113 keessaa 13 wabii mana murtiitiin kan gad dhiifamaniiru. Shakkamtoota guyyaa 12-4-2011 103 qabaman keessaa 81 bakka jiranitti akkasumas 24 baakka isaan hinjirretti himatni irratti banameera.

Labsii dhiifamaa lakkoofsa 1096/2010 Adoolessa 13 bara 2010 baheen hanga ammaatti namoota kuma 13fi 122f dhiifamni taasifameera. Ayyaana Qillee sababeeffachuudhaanis sirreeffamtoonni seeraa mootummaa federaalaa 538f dhiifamni kan taasifame ta’uufi isaanis har’arraa eegalanii kan hiikaman ta’uu Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaa ibseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *