Maal balleessinaan ajjeefaman?

Finfinnee: “Yakka suukaneessaadha, jeneraalichi dheebuu taayitaallee hinqabu, lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deebisuuf oliifi gadi fiiguun qondaaltota mootummaa waliin hojjechaa turan. Hangan beekutti yakka isaan ajjeessisu tokkollee hinqaban; hinhojjennes. Ijoollummaarraa kaasee nama biyyasaaf... Read more »

Industiriiwwan biyyattii humna guutuun omishaa hinjiran

Adaamaa: Inistiitiyuutiin Leecalloowwan  Misooma Industirii Keemikaalaafi  Konistiraakshinii  Roobiifi Kamisa darbe mata duree “Xiyyeeffannoo addaa, omishtoota industirii biyya keessaatiif’ jedhuun  qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Adaamaatti mari’ateera. Waltajjicharratti waraqaaleen qo’annoo adda addaa  dhiyaatanii... Read more »

Harcaatii barnoota gaheessotaarratti mul’atu maqsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Harcaatii barnoota gaheessotaarratti mul’achaa jiru maqsuuf haala mijeessitoonni haala mijataa uumuu akka qaban Biiroo Barnoota Oromiyaa ibse. Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Maammoo Boggaalee tibbana Gaazexaa Bariisaaf ibsa addatti laataniin ga’eesotni carraa... Read more »

Waldaa Maccaafi Tuulamaa: Kudhaama Oromummaa

Waldichi Yeroo afraffaaf Adoolessa 14/2011 hojii eegala Finfinnee: Sirna mootummaa Hayilasillaasee keessa yeroo Oromoofi Oromummaan cubbuu ta’ee dararamni cimaan ummaticharra qaqqabaa turetti hundaa’e, Waldaan Walgargaarsaa Maccaafi Tuulamaa. Waldichi bara 1955 aadaa, seenaafi... Read more »

Baajanni mil.kuma 200 ol misooma daandii OrooBeeniif ramadame hojiitti hiikamaa jira

-Buqqaatonni kuma 200 olis qe’eesaaniitti deebi’aniiru. Finfinnee:Hariiroo Oroo Beenii misoomaa daandiin walitti hidhuuf baajanni miliyoona Kuma 200 ol ramadame hojiitti hiikamaa jiraachuu Qindeessaan Waajira Nageenyaaf Misooma Waliinii Naannoo Oromiyaaf Beenishaangul Gumuz ibsan.... Read more »

“Sirnoota darban keessa misooma siyaas-dinagdeen miidhamneerra” -Ummata Oromoo Baalee

Roobee: Sirni mooticha Haaylesillaasee qabsaa’ota Baalee dhabamsiisuuf humna biyyattiin qabdu hundumaa fayyadameera. Goototni siyaasaa Baalee keessa bahan hedduun garuu waraana lafoofi qilleensaanuu kan hindanda’amne ta’uusaanii falmiifi fincila garbummaarratti taasisaa turaniin mirkaneessaniiru. Yaadni,... Read more »

“Kaartaafi eeyyama ijaarsaa yoo fidan himannaa banachuu danda’u” -Pirezdaantii Mana Murtii Olaanaa GAONF

“Nuti kan gaafanne beenyaa malee mirga abbummaa miti” Abukaatoo Balaachoo Girmaa Finfinnee: Dhiheenya kana magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti (GAONF) qabiyyee lafaa seeraan alaa wajjin walqabatee manneen diigamaniiru. Magaalota manneen seeraan... Read more »

“Kanaan booda humni tokkummaa Oromoo diigu hinjiraatu” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Roobee: Baaleen biyya qabsaa’ota siyaasaa kanneen akka Jereraal Waaqoo Guutuu, Kolonel Aliyyii Cirrii, Haji Adam Saaddoofi Magarsaa Barii fa’iin beekamti. Holqi Soof Umar, Dirreen Sheekanaa Huseen, Paarkiin Gaarreewwan Biyyaalessaa Baaleefi Galmi Madda... Read more »

Ijaarsi Hospitaala Sabbataa waggootaaf harkifate ture dhiyootti eegala

Finfinnee: Ijaarsi Hospitaala Sabbataa waggootaaf harkifate ture ji’oota muraasaan booda akka itti fufu Biiroon Eegumsa Fayyaa  Naannoo Oromiyaa beeksise. Hogganaan biirichaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsa Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin, ijaarsi Hospitaala Sabbataa... Read more »

“Ummanni Buunoo Beddellee nageenyasaa dammaqinaan tikfataa jira” -Aadde Liidiyaa Caalii

Beddellee: Ummanni Godina Buunoo Beddellee nageenyasaa dammaqinaafi xiyyeeffannaan tikfataa jira jechuun bulchiinsi godinichaa ibse. Ittaantuu bulchituun bulchiinsa godinichaa, Aadde Liidiyaa Caalii ibsa torban darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ummanni godinichaa yeroo kamuu... Read more »