Ijiptoonni mul’ata waliinii akka qabaataniif Itoophiyaan kallattiilee hundaan socho’uu qabdi jedhame

Finfinnee: Piropozaaliin haaraa Ijipti Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa (Abbayyaa) irratti dhiyeessite waliigaltee duraanii kan cabseefi mootummaa Itoophiyaatiin fudhatama akka hinqabneedha Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii tibbana kan beeksise. Ministirri ministeerichaa, Doktar Injinar Silashii... Read more »

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi badhaasa 14fa argatan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad yeroo aangoo waggaa tokkoofi ja’a jaha keessatti kan Dimokraasii Afrikaa dabalatee badhaasota 14 injifatan. Badhaasa dimokraasii Afrikaa kana Ministira Muummee Abiyyi wajjin kan injifatan  lammii Naayijeeriyaa,... Read more »

Dambiin fooyyessa Bulchiinsa Investimantii Oromiyaa ragga’e

Finfinnee:Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (kaabineen) walga’ii idilee bara hojii 5fa waggaa 5fa Fulbaana 7 bara 2012 geggeesseen wixinee Dambii Bulchiinsa Investimantii Naannichaa irra deebiin  fooyyessuuf  qophaa’erratti mari’achuun raggaasise. Dambicha irra... Read more »

“Itoophiyaa hunduu keessatti of argu ijaaruuf federaalizimii dhugaa diriirsuutu dursa” -Hayyoota

Finfinnee: Biyya dhiigaafi lafee saboota, sablammootaafi uummattoota hedduutiin ijaaramte keessatti  sirna bulchiinsaa hunda dhuunfatuufi hammatu ijaaruuf jaarsummaa hinbarbaachisu. Sirnoonni bulchiinsaa waggoota dheeraaf Itoophiyaa keessatti hojirra oolaa turan biyya sab-daneessa kana aadaafi eenyummaa... Read more »

Komiishinichi hattoota hinsaaxilamne to’achuuf ragaa qindeessaa jiraachuu beeksise

Adaamaa: Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hattoota qabeenya biyyaa saamaa turaniifi hanga ammaatti hinsaaxilamne to’achuuf  ragaa qindeessaa jiraachuu ibse. Komishinarri komiishinicha Obbo Abbabaa Kabbadaa ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, komiishinichi hattoota... Read more »

Yunivarsiitiin Bulee Horaa koorsii Sirna Gadaarratti xiyyeeffatu barana barsiisuu eegala

Finfinnee: Yunivarsiitiin Bulee Horaa barumsa sirna Gadaarratti xiyyeeffate ykn ‘Introduction to Gada System’ jedhamu akka koorsii tokkootti kennuuf qophii xumuruusaa ibse. Kanaafis bara darberraa eegalee qophiin taasifamaa turuu pirezidaatiinii yunivarsiitichaa, Doktar Caalaa... Read more »

“Sirni kabaja Irreechaa ajandaa siyaasaarraa bilisa” -Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa

Finfinnee: Akka abbootiin Gadaa Oromoo ibsanitti, bu’uurri Irreechaa nageenya, jaalala, tokkummaa, walgargaarsaafi walta’insa ummattootaati. Wagguma waggaan sirni ayyaanichaas karaa duudhaafi aadaa ummata Oromoo calaqqisiiseen ykn eegeen kabajamaa kan ture yoo ta’u, waggoota... Read more »

Irreechi Hora Finfinnee sabootaafi sablammoota waliin faayamee kabajama

-Jiraattotni Finfinnees tumsuu akka qaban gaafatame Finfinnee: Ayyaanni Irreecha baranaa akkaataa Caffeen Oromiyaa murteesseen Fulbaana 24 bara 2012 Hora Finfinneetti, Fulbaana 25 bara 2012 ammoo Bishooftuu, Hora Arsadeetti sabootaafi sablammootaan faayamee kan... Read more »

Omishtummaan baranaa haala kanaan dura argamee hinbeekneen dabala jedhame

Barri baajataa xumurame kun dame qonnaatiif seenaa haaraa qabatee kan dhufe yemmuu ta’u, haalli roobaa iddoo heddutti bifa wal fakkaatuun argamuusaatiin barichi seenaa qonnaa keesatti bara quufaa kan isa taasisu ta’uu Biiroon... Read more »

“Barri haaraan qabeenya sirnaan itti fayyadamnu” -Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Doktar Abiyyi Ahmad ergaa bara haaraa ummata biyyattiitiif dabarsaniin barri haaraa qabeenya hintuqamne haaraa ta’uu kan himan, qabeenya kana garuu sirnaan itti fayyadamuufi qisaaseessuunis kan danda’amu ta’uu dubbataniiru. Carraa barri haaraan nuu... Read more »