Konfiransiin nageenyaa lola waggoota afurii dhaabuuf waamame Baatiitti taa’ame

Baatii: Naannoo Amaaraa godina addaa bulchiinsa saba Oromoofi naannoo Affaar gidduutti sababa daangaatiin walitti bu’iinsa waggoota afuriif ture haala ittisuun danda’amurratti konfiransiin nageenya qaamota lachuu hirmaachise magaalaa Baatiitti Kibxataafi Roobii darbe adeemsifame.... Read more »

Manni Maree ADWUI ji’oottan ja’an darban dirreen siyaasaa bal’achuusaa ibse

Finfinnee: Manni Maree Adda Demokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n walga’iisaa Ebla 7-8 bara 2011 taa’een haala yeroo biyyaafi raawwii hojii baatiiwwan darbanii qorachuun kallattii kaa’eera. Waggaa tokkotti, keessumaa yaa’iin ADWUI 11ffaa erga... Read more »

“Gaazexeessummaafi rogeessummaa walfaana deemsisuun rakkisaadha” -Hayyoota

Finfinnee: Gaazexeessummaafi rogeessummaan wantoota walfakkaatan qabaatanis addaddummaa bal’aa ni qabu. Kaayyoon isaan adeemsisanis walii faallaadha. Kanarratti osoo beekaniis ta’u hinbeekiin gaazexeesssitoonni tokko tokko akka rogeessaattis ni socho’u. Kun ammoo sirrii akka hintaaneefi... Read more »

”Jaarsa kiyya kan ajjeese diina Oromoofi Amaaraati” -Aadde Basifrash Katamaa

Efraataa Gidib: Rakkoo nageenyaa dhiheenya kana naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa Aanaa Efraataa Gidibitti uumamee tureen namootni 62 ta’an lubbusaanii kan dhaban yemmuu ta’u, kanneen 74 ta’an immoo miidhaa cimaa ta’eef saaxilamanii... Read more »

“Indastiriin uffata aadaa Oromoo hanga fedhii ummataa hinguddanne” -Diizaayinar Moyii Xilaahuun

Finfinnee: Indastiriin uffata aadaa Oromoo ammayyuu fedhii ummataa wajjin kan walsimuu waan hintaaneef caalaatti beeksisuufi irratti hojjechuu akka barbaachisu namoonni damicharratti bobba’an ni ibsu. Hundeessituun Mana Uffata Aadaa Oromoo Moyii Finfinneetti argamuu,... Read more »

Raayyaan Ittisaa Sudaan taayitaa biyyattii bulchuu qabate

Raayyaan Ittisa Biyyaa Su­daan Pirezdaanti Omar Hasan Albashir to’annaa jala oolchuun taayitaa biyyattii bulchuu qabate. Omaar Hasan Albashir wag­gootii 30f biyyattii kan bulchan yammuu ta’u, har’a raayyaa it­tisa biyyattiitiin taayitaarraa kaafamaniiru. Raayyaan... Read more »

Duulli qulqullinaa iftaan adeemsifama

TOI: Duulli qulqullinaa ilaalcha gaarii barsiisuuf ga­ragaaru naannolee biyyattii hundatti akka adeemsifamu ministirri muummeen ibsan. Doktar Abiyyi kana kan dubbatan kaleessa Kibxata galgala atileetota dorgommii qaxxaamura biyyaa addun­yaa 43fa irratti hirmaatanii mo’ataniif... Read more »

Jiraattota wallagga Bahaa wajjin mariin geggeeffame

Ministirri Muum­mee Doktar Abi­yyi Ahmadiifi p i r e z i d a a n t i i n mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa bakka buutota Godina Wallagga Bahaa wajjin Magaalaa... Read more »

Barattootni Oromoo 2500 gara Yunvarsitii Jigjigaatti deebi’aniiru

– Waliigalaan barattootni Oromoo 4000 ta’an yunivarsiitichatti argamu Jigjigaa: Rakkoo nageenyaa ummattoota obbolaa, Somaal­eefi Oromoo gidduutt uumamee tureen inni tokko isa biraa of keessaa ari’uu bira darbee, sa­darkaa barattootni naannoo tok­koo hanga... Read more »

Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamu kan ittifufu ta’uun ibsame

Finfinnee: Ijaarsi seeraan alaa rakkoo ijoo magaalotaa waan ta’eef tarkaanfiin itti­fufiinsa qabu kan fudhatamu ta’uu Ministeerri Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii beeksise. Ministirri ministeerichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsa Kibxata darbe gaazex­eessitootaaf kennaniin akka jedhanitti,... Read more »