Rakkoo kamuu gamtaan injifachuuf lolli Adwaa fakkeenya gaarii ta’uun ibsame

Waaqshuum Fiqaaduutiin Finfinnee: Tokkummaan jiraannaan rakkoo hamaa biyya mudatu kamuu gamtaan injifachuun akka danda’amu injifannoon Adwaa fakkeenya gaarii ta’uu qaamoleen nageenyaa tokko tokko yaada Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin ibsan. Ittigaafatamaan Dhimmoota Seeraa... Read more »

“Waamichi araaraa dhiyaate fedhiifi walamantaa qaamolee lameeniitiin dabaalamuu qaba” Obbo Solomoon Tafarraa,  Hayyuu saayinsii siyaasaa Yunivarsiitii Amboo

Rippoortara Gaazexichaatiin Finfinnee: Waamichi araaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna hidhatee bosona socho’uuf dhiyeesse fedhaafi walamantaa qaamolee lameeniin dabaalamuu qaba jechuun hayyuun saayinsii siyaasa Yunivarsitii Amboo Obbo Solomoon Tafarraa beeksisan. Obbo Solomoon ibsa... Read more »

 “Hubannoo miidiyaa gahaa dhabuun Oromoo, gara dhugaa dhabuutti geessaa jira”Obbo Nutimaan Aliyyii, Hayyuu Gaazexessummaafi Quunnamtii

Waaqshuum Fiqaaduutiin Finfinnee: Olola dharaa yeroowwan garagaraa akka sabaatti Oromoorratti banamu qixa sirriin qolachuuf hubannoo hawaasichi miidiyaarratti qabu gabbisuun murteessaa ta’uu Barsiisaan Gaazexessummaafi Quunnamtii Yuunivarsiitii Finfinnee Nutimaan Aliyyii hubachiisan. Miidiyaa baay’ina Oromoon... Read more »

 Artistoonni Oromoo hawaasa hongeen miidhame baraaruuf sochii eegalan

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Hawaasa Booranaa hongeen miidhame baraaruuf artistoonni Oromoo sochii eegaluusaanii Koreen Sochii Artistootaa beeksise. Korichi mataduree “Lammiin lammiif Gaachana!” jedhuun sochii gargaarsa walitti qabu bal’inaan taasisaa jira. Walittiqabaan Korichaa Artisti... Read more »

 Waldichi daakuu kuntaala kuma tokkoo oliifi zayitii nyaataa liitira kuma torba ummata Booranaatiif arjoome

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Daakuu qamadii kuntaala kuma tokkoofi 500 akkasumas zayitii nyaataa liitira kuma torba ummata Booranaa hongeen miidhamaa jiruuf arjoomuu Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ibse. Gargaarsi taasifamu ittifufiinsa akka qabaatuufis qarshii... Read more »

“Abbaan koo gootummaa qofa miti gaarummaa hedduun yaadatama”Obbo Wubnah Garasuu Dhukii

Waaqshuum Fiqaaduutiin Finfinnee: Abbaansaanii Dajjaazmaach Garasuu Dhukii gootummaafi jaalala biyyaa qofa osoo hintaane hiyyeessa gargaaruu, malaammaltummaafi hojmaata biirokiraasii hadheeffatanii balaaleffachuun beekamu jechuun ilmisaanii Wubnah Garasuu ibsan. Dajjaazmaach Garasuun Weerartoota Xaaliyaan injifatamuun booda... Read more »

 Qonnaan bultoonni gatii murtaa’een omishasaanii dhiheessaa waan hinjirreef qaala’inni mudate

 Saamraawiit Girmaatiin Finfinnee: Qonnaan bultoonni gatii Biiroon Qonnaa murteesseen omishasaanii waldaaleef dhiheessaa waan hinjirreef gatiin midhaanii keessumaa qamadiifi xaafiin qaala’aa jiraachuun Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ibse. Ejensichatti Gorsaa Garee Gabaa... Read more »

 Waldittiin waamicha araaraa taasifame akka deeggartu ibsite

Finfinnee: Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa waamicha araaraa Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa qaama hidhatee bosona keessa socho’aa jiruuf taasisan kan deeggartu ta’uu beeksiste. Pirezdaantin waldittii Lubni Doktar Yoonaas Yiggazuu... Read more »

Oromiyaatti lafa heektaara kuma 34fi 147 irraa callaan qamadii bonaa kuntaalli kuma 700 ol walittiqabame

Finfinnee: Barana omisha qamadii jallisii bonaarraa callaa kuntaala miliyoona 38 walittiqabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafa heektaara kuma 34fi 147 callaa kuntaalli kuma 700 ol argamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise. Godinoota 20... Read more »

 Barana kolleejjota BLTOtti barattoota kuma 298 ol simachuuf karoorfame

Finfinnee: Oromiyaatti bara barnoota baranaatti gulantaa 1ffaa hanga 5ffaatti kolleejjota BLTO adda addaatti barattoota kutaa 12ffaa xumuran kuma 298fi 622 simachuuf karoorfamuun ibsame. Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (BCHUOO) Obbo... Read more »