Raayyaan Ittisaa meeshaa garee ABUT harkaa fuudhe

 Finfinnee: Bu’uura waliigaltea Piritooriyaatiin Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa kaleessa meeshaalee waraanaa garee hidhattoota ABUT harkaa fuudhe. Waliigaltee nageenyaa taasifamerratti hundaa’uun walharkaa fuudhiinsi meeshaalee guguddoo raawwatamuun kan yaadatamu yoo ta’u, walharkaa fuudhiinsi kan kaleessaas... Read more »

 “Ummattoonni Afrikaa cimina tokkummaa ardittiitiif hojjechuu qabu”- MM Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Ummattoonni Afrikaa abbootii Gamtaa Afrikaa hundeessan hordofuun ciminaafi tokkummaa Afrikaatiif akka hojjetan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waamicha dhiheessan. Ayyaanni hundeeffama waggaa 60ffaa dhaabbata tokkummaa Afrikaa duraanii Gamtaa Afrikaa ammaa Finfinnee,... Read more »

Rifoormichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf barbaachisaa ta’uun ibsame

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Rifoormiiin misooma albuuda fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf shoora olaanaa akka qabu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise. Galmeen istaandardii misooma albuudaa haaraa Caamsaa 9 irraa eegalee hojiirra oolu ibsameera. Hoggannaan... Read more »

 Alseerummaa daldalaa ittisuuf daldaltoota kuma 661 olirratti to’annoon taasifame

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Baatiiwwan saglan darban keessatti alseerummaa daldalaa to’achuuf daldaltoota kuma 661 olirratti to’annoofi hordoffiin gaggeeffamuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise. Daldaltoota omisha dhoksuun qaala’iinsa hammeessan kuma tokkoofi 700irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.... Read more »

Naannoon Tigraay bara omisha 2015/16tti lafa hektaara miliyoona 1.3 sanyiin uwwisuuf karoorfatee hojjechaa jira

Taammiruu Raggaasaatiin Finfinnee: Naannoon Tigraay bara oomisha 2015/16tti lafa hektaara miliyoona 1.3 sanyii akaakuu garaagaraatiin uwwisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Biiron Qonna naannichaa ibse. Hogganaan biirichaa Doktar Iyyaasuu Abrahaa ibsa torban kana addatti... Read more »

 “Sochiin nageenya buusuuf taasifamu guddina dinagdee biyyattiif shoora olaanaa qaba”  – Doktar Guutuu Teessoo

Taammiruu Raggaasaatiin Finfinnee: Sochii mootummaan nageenya buusuuf taasisaa jiru guddina dinagdee fiduuf shoora olaanaa waan qabuuf ummatni sochicha deeggaruu akka qabu Hayyuun Dinagdee Doktar Guutuu Teessoo gaafatan. Hayyuun kun yaada dheengadda Dhaabbata... Read more »

 “Namni Ogummaa qabu hojii ittiin jiraatu hindhabu”  – Aadde Habiibaa Siraaj

• Kufaatii madaalli ga’umsa ogummaarratti mul’atuufis kallattiin kaa’ameera Waaqshuum Fiqaaduutiin Finfinnee: Guddina magaalaa Finfinnee waliin carraa hojii bal’aa uumamaa jiruun namni ogummaa ga’aa qabu akkaataafi hojii ittiin jiraatu akka hindhabne Hoggantuun Biiroo... Read more »

 “BCHUOOn beekumsi xabboo madda dinagdee akka ta’u gochuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira”  -Obbo Maatiwoos Sobbooqaa

Natsaannat Taaddasaatiin Adaamaa: Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (BCHUOO) Dilbata darbe marsaa 4ffaaf mataduree “Dambalii Ogummaa, ‘Badhaadhina Oromiyaaf” jedhuun adeemsifamerratti dorgomtoota dandeettii ogummaa, kalaqa teknolojii, qorannoof qo’annoofi intarpiranarshiippii mo’atan 159 magaalaa... Read more »

 “Fedha ummataatiin alatti hookkaraafi jeequmsaan fedhii siyaasaa galmaan ga’uun hindanda’amu” – Obbo Toleeraa Adabaa

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Fedha ummataatiin alatti hookkaraafi jeequmsaan fedhii siyaasaa kamillee bakkaan ga’uun akka hindanda’amne Dubbi Himaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Toleeraa Adabaa beeksisan. Garaagarummaan kamillee marii karaa nagaa akka furamus... Read more »

 Simannaan baqattoota Sudaanirraa gara Itoophiyaa dhufanii ittifufee jiraachuun ibsame

Gammachuu Kadiriin Finfinnee: Sababa rakkoo Sudaan keessatti mudateen walqabatee simannaan baqattootaa akka ittifufetti jiraachuu Daarektarri Jeneraalaa Pabliik Dippilomaasii Ambaasaaddar Diinaa Muftii beeksisan. Dippilomaasiin biyyaa cimina keessoo cimsuurratti akka hundaa’u ibsaniiru. Ambaasaaddar Diinaan... Read more »