Waxabajjii 13: Guyyaa reemitaansiin maatii itti ergamu

 Finfinnee: Guyyaan reemitaansiin maatii itti ergamu akka biyya keenyaatti Kibxata dhufu, Waxabajjii 13 bara 2015 yeroo jalqabaatiif kabajama. Gaazexaan Bariisaas guyyicha sababeeffachuun Ameerikaa, Magaalaa Waashingitan Diisiitti dhimmoota gara garaarratti diyaaspooraa qindeessuun kan... Read more »

 Alseerummaa maqsuuf ragaan lafa Shaggar gara dijitaalawaatti jijjiirame

Finfinnee: Alseerummaa lafa magaalattiirratti raawwatamu maqsuuf inventeriin lafaa xumuramee ragaan to’annaa lafaaf tolu bifa dijitaalawaatti jijjiiramuu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar ibse. Bulchiinsi magaalattii kana kan jedhe kaleessa wayita raawwii hojii hundeeffama magaalaa Shaggar... Read more »

 Humni omishuu industiriiwwanii dhibbantaa 46 irraa gara 53tti guddate

Finfinnee: Humni omishuu industiriiwwan Itoophiyaa dhibbantaa 46 irraa gara 53tti guddachuu Ministeerri Industirii beeksise. Inisheetiiviin “Itoophiyaan haa omishtuu” ija godhachaa jira jedhame. Ministeerichatti Qindeessaan Pirojektii ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ Obbo Asfaawuu Abbabaa ibsa... Read more »

 Itoophiyaatti waadaan waloo jiraachuu akka qabu hayyootni gaafatan

Finfinnee: Itoophiyaa keessatti waadaan waloo jiraachuu akka qabu hayyootni marii kaleessaa Gumii Balal Marsaa 32ffaarratti hirmaatan gaafatan. Hayyotni maricharratti hirmaatan akka eeranitti, rakkoon waadaa waloo dhabuu Itoophiyaan rakkoolee garagaraatiif akka saaxilamtu taasiseera.... Read more »

 Naannoleen balaa lolaaf saaxilamoo ta’an ofeeggannoo taasisuu qabu

Finfinnee: Naannoleen biyyattii tibba gannaa kanatti lolaaf saaxilamoo ta’an ofeeggannoo taasisuu akka qaban Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa hubachiise. Komishinichatti, Daarektarri Akeekkachiisa Duraafi Deebii Obbo Taayyee Geetaachoo ibsa dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii... Read more »

 Mufannaan diigamuu manneen amantaatiin uumame mariidhaan furame

Finfinnee: Tarkaanfii Bulchiinsi Magaalaa Shaggar ijaarsa seeraan alaa karaa qabsiisuurratti fudhataa jiruun walabatee keessumaa miira mufannaa hordoftoota amantaa Islaamaa biratti uumame sirreessuuf mootummaafi abbootiin amantaa mari’achuun kallattii furmaataa kaa’aniiru. Manni Maree Dhimmoota... Read more »

 Ittaanaa Tolasaa: Artistii kumaatamaan Ashamaa jedhee kan Asham jedhuun dhabe

– Waxabajjii 18 deeggarsasaatiif konsartiin qophaa’eera Finfinnee: “Ashamaa, Ashamaa Asham, Ashamaa x2 Aadaa Oromootiin gabaa hindhaqiini.” Sirba kana baay’een keenya ni beekna jedheen yaada. Onnee namoota baay’ee keessas ni jira. Sagalee kiilolee... Read more »

 Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee gaaffii ummataa barootaaf ture deebisuuf hojjetaa jira

Finfinnee: Magaalaan Shaggar faayidaawwan hedduu yaada keessa galchuun akka haaraatti magaalota Buraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoofi Galaan bakka tokkotti fiduun kan hundeeffame yoo ta’u, hundeeffama Mootummaa Naannoo Oromiyaatti aansees kan adda isa... Read more »

 Alseerummaan daldala galteewwan qonnaa, yaaddoo uumaa jira

Adaamaa: Diinagdee biyyattii bu’uurarraa jijjiiruufi qonna biyyattii gara makaanaayzeeshiniitti jijjiiruudhaan omishaafi omishtummaan akka dabaluuf hojiiwwan waggoota shanan darban keessatti hojjetamaniin Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif omisha qamadii alatti erguu dandeesseerti. Kun immoo qonna ammayyeessuu... Read more »

 “Nama karaa dheeraa waliin deemutu mari’achuuf dirqama” – Pirofesara Gargaaraa Miratuu Shaanqoo

Finfinnee: Raafama siyaasaa Itoophiyaa furuuf falli hafe marii waloo qofa. Tarkaanfiin humnaa waggoota hedduuf fudhatame biyya hallayyaa hiyyummaatti oofuun ala bu’aan argamsiise hinjiru. Gidiraafi hacuuccaan hammaachuurraa kan ka’e qabsoon bilisa ba’uu daran... Read more »